Caaltuu Siraaj: ‘Oromtittiin hunduu Caaltuudha’

Caaltuu Siraaj

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Caaltuu Siraaj

Oromoon adeemsaafi akkaataa maqaa dhalaaf moggaasu qaba jedhu ogeessonni Xiin-qooqaa. Calluma jedhee afaanitti dhufeef kan moggaasu osoo hintaane, sababa yookaan ka'uumsa mataa isaatii qaba.

Waqtiileefi ayyaana, abdiifi hawwii fulduraa, yeroo ulfaa, ciniinsuufi da'uumsaa, dhala dhabaniifi turmaata booda argachuu, miidhaginaafi milkaa'inaafi ka'umsa biroo hedduun maqaa moggaasu jedhu ogeessonni.

Kunis aadaafi duudhaa hawaasichaa keessatti hojiirra oolaa tureera.

Kana malees, moggaasi maqaa Oromoo biratti hariiroo uumaafi uumamaarrattis hundaa'a jedhu qorattoonni.

Tapha hibboo keessaattis moggaasi maqaa hangam xiyyeeffanaan akka kennamuuf agarsiisuuf akkas jechuun namoonni wal eebbisiifatu.

Nama eebbifatu: Hibboo………………………………………..

Nama deebisu: Hibbakka……………………………………

Nama eebbifatu: Uleen abbaan koo naaf mure hin cabdus, hin baddus.

Nama deebisu: MAQAA

Hibboon kun maqaan abbaan/maatiin ofii namaaf baasu kan cabus, kan badus miti akka jechuudha.

Barreeffama kanaan achii-dhufteefi dhugeeffannaa Oromoon ittiin maqaa dhalaaf moggaasu dhiyeessuuf osoo hin taane, waan tibba kana maqaa shamarran Oromoo biratti jaallatamuufi hedduu beekamaa ta'etu dhaga'amaa jiraayyu isa ilaaluuf.

Maqaan 'Caaltuu' jedhu miidiyaalee hawwaasummaa gubbaarra naanna'aa jira.

Tibba kana Kaabaa Ameerikaa kutaa gara garaa keessatti Obbo Jawaar Mohaammadiifi hawaasni diyaasporaa isaafi kaayyoo isaa deggeran waliin waltajjii gara garaa qopheeffatanii marii gaggeessaa turan.

Gama biraan wayituma kana gareen diyaasporaan muraasni mormii dhageessisaa turan. Gareen kun Obbo Jawaariifi kaayyoo isaa mormuurra darbanii maqaa nama biraa dhuunfaa dha'uun "arrabsoo" dhageessisaa turan.

Warra "arrabsoon" irra ga'e keessaa tokko Aadde Caaltuu Siraaj.

Isaan waan ishee "arrabsan" itti fakkaate 'Caaltuu… Caaltuu…' jechuun itti iyyan viidiyoodhaan waraabamee miidiyaa hawwaasummaarra naanna'aa tureera.

Kana malees, yeroo gara kora hawaasni Obbo Jawaar waliin qabate seenuuf jettus gareen mormiif karaatti ba'anii jiran sun jechoota namummaa isheerra darbee sabummaa ishee tuquu dubbataa turan.

Caaltuu Siraaj garuu suura irratti waan arrabsamaa jirtu hin fakkaanne. Faara gammachuutiin kokkolfaa alaabaa qabsoo Oromoo qoleerratti uffattee fuuldura galma walga'iishee qofa ilaalaa 'danboobaa' bira dabarte.

Miiraa mo'annaa Caaltuun ittiin wacaafi arrabsoo garee warra ishee mormanii gidduu ittiin dabarte namoonni ilaalanis hojiin isheefi maqaan ishee walgita jechuun yaada isaanii kennaniiru.

BBC Afaan Oromoo waan ishee mudatee iyyaafateera.

Yeroo mormiin kun ishee mudate Caaltuun kora hawaasaa Atilaantaatti ture irratti hirmaachuuf deemaa akka turte ibsuun eegalte.

Warri Obbo Jawaariin mormuun hiriira qopheessan akka jiran dursinee hubannee koreen qophaa'uudhaan nageenyi akka mirkanaa'u taasisaa turre, kan jettu Caaltuun dhuunfaanis kaayyoo deemnuuf waan beeknuuf arrabsoon hanga jiraatullee bakka itti hin kennine jetti.

"Arraba baayyee isaa afaan Amaaraatiin waan na arrabsaniif ani ammoo afaan Amaaraa waanan hin beekneef jechuma 'Gaallaa' jedhu sana qofan keessaa dhaga'a.

Amaariffaan maal akka isaan jedhan beekuu baadhus maal akka jedhan fuula isaaniirraa akka isaan aaran, akka jibbinsa nuuf qaban ni agarta."

Caaltuun akka jettutti, jibbinsa Jawaariif karaatti baane yaa jedhan malee jibbinsa ummata Oromoof qaban ibsanii jiran.

Dubartummaanillee akka ishee arrabsan kan ibsitu Caaltuun, nama biroo ishee waliin gara walga'ii seenaa jirullee arrabsaa turan.

Kan Atilaantaatti ta'een alatti ammoo booda walga'ii Laas Veegaasitti ta'e irrattis viidiyoo'Caaltuu…Caaltuu..' jechaa waraabanii tamsaasaa turanis arguu himti Caaltuun.

"Kan namoonni hedduun akka maqaa kiyya ta'e baran walga'ii Laas Veegas sanarratti erga isaan arraba itti fakkaatee 'Caaltuu… Caaltuu..' jechaa viidiyoo waraabanii gadi dhiisanii boodadha."

'Caaltuun maaliif arrabsoo itti fakkaatee?

Kanaan dura yeroo maqaa koo argan ummanni [Habashaa] maqaan kun maquma kee dhugaadhaa jedhanii na gaafatu jetti.

"Kun maqaa qoosaati malee, namni dhala ofiitiif maqaa kana hin baasu naan jechaa turan."

Kun akka ani yaadutti tuffiidha kan jettu Caaltuun maqaan kun Oromoo keessatti beekamaafi jaallatamaa waan ta'eef, akkasumas eenyummaa saba keenyaa ibsa jetti.

Biyya Ameerikaa, Kaalifoorniyaatti dhalattee kan guddatte Caaltuun hanga ammaa Itoophiyaa dhufuu baattullee bakka gara garaa yeroon deemu [Hbashoota] waliin yeroon wal argu maqaan kee kan dhugaan eenyudha jedhanii na gaafatu jetti.

Maqaa 'Caaltuu' jedhamu kana itti qaanoftee beektaa?

Namoonni maqaa 'Caaltuu' jedhutti qoosan warra ummata Oromoo tuffatan akka ta'e himtee, maqaashee kanatti hedduu akka gammaddus ibsiteetti Caaltuu Siraaj.

"Gaafan dhaladhe abbaan kiyya Caaltuu naaf baase. Maqaan kun hedduu jaallatamaa waan ta'eef anis hedduun jaalladha. Takkaa maqaa koottis qaana'ee hin beeku. Bareedduudha maqaan kiyya."

Abbaan ishee sabboonaa kan ta'eefi sababa qabsoof waggoota 40 dura akka biyyaa bahe kan himtu Caaltuun, maqaa abbaan ishee baaseef kun akkasumaan callisee kan baheef miti.

Abbaan koo sabboonaa waan ta'eef maqaa kana akka baaseef kan himtu Caaltuun, inniyyu nama maqaan Caalaan ba'uufii qabudha, nama ummataati jetti.

Caaltuudhaan Ameerikaatti dhalattee guddachuun Afaan Oromoo sirriitti danda'uufi, aadaafi sabboonummaa Oromoon cimtuu ta'uurraa ishee hin daangessine.

Walga'ii Atilaantaatti ture yeroo galma walga'ii sanaa seenanitti Alaabaan [Lumuxxiin] kan magariisa, kelloofi diimaatu alarraa mul'ata ture. "Isa qabatanii dhaabbatanii jecha gara garaatiin Jawaariin balaalleffatu," jechuu turan.

Dubartiin keenya hundi Caaltuudha…

Caaltuu maqaa jedhu namuu mogaafachuu mala kan jettu Caaltuun, maqaan kun maqaa jaallatamaa fi kabajaa heddumminaan jiru ta'uu ibsiti.

"Dubartiin keenya hundi Caaltuudha. Dubartoota ciccimoo waan hunda keessaa qabna. Dubartooa [Aktivistoota] ta'an hedduu qabna. Qarree biyyaa hedduu qabna. Isaan hunduu Caaltuudha."

Wanti Caaltuu Siraaj mudate kun ishee qofas, kan jalqabaas miti.

Kanaan dura Adoolessa 18, 2019 yeroo Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad Ameerikaa daawwatanitti magaalaa DC keessatti gareen deggersaafi mormiif bahan turan.

Aadde Birhaanee Beekaa hawwaasa Itoophiyaa DC keessa jiran keessatti hojii hawwaasumaafi qindeessuun baayyee beekamtuu taate carraan Caaltuu Siraaj isheellee mudatee ture.

Aadde Birhaanees gareen Dr. Abiyyiin mormaa turan maqaa 'Caaltuu' jedhuun waamuun 'arrabsaa' turan.

Aadde Birhaaneenis akka warri arrabsoo itti fakkaatee akkas ittin jedhan osoo hin taane maqaa sana jaallachuun 'Caaltuun' naaf moggaafameera jechuun miidiyaaleef ibsa kennaa turte.