Naa’ol Dhaabaa: Dargaggoo hojii kalaqaatiin rakkoo biyyaa hiikuuf carraaqu

Naa'ol Dhaabaa

Dargaggoo Naa'ol Dhaabaa hojii kalaqaasaa kan diroonii ykn saataalaayitii xiqqoo dhiheenya kana bakka aanga'oonni gurguddoon mootummaafi dargaggoonni saayinsii hawaa qoratan argamaniitti ifatti ebbisiisee jira.

Naa'ol barnoota isaa sadarkaa olaanaa biyya Ameerikaatti hordoofuun erga xumureen booda, biyyatti deebi'ee reefu waggaa dabarse.

Dargaggoon kunis abjuufi kayyoonsaa inni guddaan hojiisaa kalaqaa cimsuun dargaggoota akka isaa damee saayinsii hawaarratti fedhii qaban gargaaruu ta'u dubbata.

Kaayyoo isaa kana galmaan gahuuf erga biyyatti deebi'ee Naa'ol maal raawwataa akka jiru BBC waliin turtii taasiseera.

Gama barnootaa isaa yunivarsitiin 'Theoretical particle physics' fi 'Economics' barachu dubbata, Naa'ool.

Erga gara biyyaa deebii'een boodas damee saatalaayitii saayinsii hawaa irratti hojjachuuf fedhii olaanaa horachu dubbata. Kunis fedhii qofa ta'ee kan hafe osoo hintaane, hojii kalaqaa gama kanaan hojjateen bakka MM Dr Abiy fa'i argamaniitti diroonii hojjatee yaaliin mirkannoofte tokko eebbisiisu danda'eera.

Kana dhugoomsuuf bu'aa bahii hedduu keessa darbuusaa kan himu Naa'ol, keessattuu ministirri Saayinsiifi Ennoveshinii, Ejjansiin meetirolojii Itoophiyaa bira dhaabbachusaanii kaaseera.

Haa ta'u malee harkifannaa adeemsa hojii hojjattoota Ministeerri Saayinsiifi Inoveshinii sadarkaa jalaa jiraniin isa mudateen kan ka'ee karaa daandii dhuunfaa isaatiin hojii kalaqaa qalbiisaa keessa ture hojjachuuf murteessuu dubbata.

''Yaada kalaqaa sammuu kiyyaa keessa jiru karaa dhuunfaatiin hojiitti hiikuu yoon yaadu dhimmi tokko sammuu na dhufe. Kunis maaliifan barattoota fedhii dame kanaa qaban walitti qabe barsiisaa isaan waliin hinhojjanne? kan jedhu ture,'' jedha.

''Isaan boodas barattoota walitti qabuun torban lamatti al tokko viidiyoo konfaransiin wal arguun mari'achuu eegalle,'' jechuun attamiin hojii kalaqa diroonii kanaa akka eegale hima.

Ergaan kana booda ture yaada (theory) barattoota walitti qabe ture barsiisee gara hojiittii hiikuun diroonii ykn saataalaayitii xiqqoo (Arena CubeSat) jedhamtu hojjachuu akka eegalan hima.

Erga ijaarsa diroonii sanaa xumuraniin boodas Ejjansii Meetiroolojii Itoophiyaa waliin ta'uun yaalii jalqabaatiif gara samiitti akka ol furguggisan Naa'ol ni dubbata.

Naa'ol akka jedhuutti, diroonii sunis erga samii keessa ol fageenya kiloo meetira 37 qaariteen booda odeeffannoowwan adda addaa fi sursagalee sassaabuun lafatti deebitee nagaan Lixa shawaa Amboo asitti naannoo Olonkoomiitti qubatte.

Isaan boodas daa'imtii qonnaan bulaa tokkoo saataalaayitii xiqqoo sana argachuun abbaatti kennuun kan himu Naa'ol, ''Ani GPSn hordofaa waanan tureef duukaa dha'uun argachuu danda'e'' jedha. Abbaafi mucaan sunis sirna eebba kalaqa kanaarratti keessuummaa kabajaa isaa ta'usaanis ni yaadata.

Yeroo kamiyyuu pirojektii haaraan wayita hojjatamu hanqinoonni muraasni mudachu malu kan jedhu Naa'ol, saataalaayitii yeroo jalqabaatiif hojjate kanatti gammadaa ta'u dubbata.

''Hojii kalaqaa kana keessaatti kaayyoon kiyyaa jalqabaa hangam dargaggoota kakaaseera? kan jedhuudha. Kanaan ammo akkan milkaa'ee waanan namootarraa dhagaheen mirkanneeffachu danda'eera.

Akkasumas wayitan diroonii sana gara samiitti furgugseette ittigaafatamummaa isaa hunda fudhadheen ture. Kanaanis milkaa'eera,'' jedha.

Akkasumas baasii kalaqa diroonii kanaa ofiin danda'usaa kan dubbatu Naa'ol, milkaa'inni hojii kanaan argatees hojii kalaqaa caalaaf kan haamleesaa kakaase ta'u BBC'tti himeera.

''Damee hojii kamiiniyyuu milkaa'uuf duraan dursee hojiichaaf jaalala qabaachuun murteessaadha. Anis waanan ijjoollummaa kiyyaa kaasee saayinsii hawaa jaaladhuuf naaf milkaa'eera,'' jechuun jaalala hojii kalaqaa kanaaf qabu hima.

Kana malees, osoo maaliirratti xiyyeeffatamee hojjadheen caalaa ummata kiyya gargaaruu danda'a kan jedhu yaaduun barbaachisaadha jedha. Itti aansees, dargaggoota attamiinan gargaaruu danda'a kan jedhu sababii guddaa isa kakaasan ta'uu caqasa.

Kaayyoo kalaqa isaa galmaan gahuudhaaf diroonii hojjachuu qofaadha hinmurtoofne Naa'ol. Kubaaniyaa 'N Jet Dynamic Manufacturing' jedhamu hundessuu isaa dubbata dargaggoon kun.

Kaampaaniin kunis kaayyoowwan gurguddaa lama qaba kan jedhu Naa'ol, kan jalqabaa diroonii Itoophiyaa keessatti omishuu yoo ta'u, kan lammaafaa ammo dargaggoota fedhii kalaqaa qaban hirmaachisuun deeggarsa taasisuu akka ta'e dubbata.

Keessattuu waa'ee jiddugala kalaqaa kana yoo ibsuus, bakka dargaggoonni hojii kalaqaa itti hojjatan, lafa itti hojjatan qofa osoo hintaanee kan itti cabsanii irraa barataniidha jedheera.

Haaluma walfakkaatunis, jidduugalli kubbaaaniyichaa meeshaa barbaachisan alaa galchuun diroonii biyya keessatti itti omishuu ta'u dubbata

Biyyoonni akka Chaayinaa, Israa'eeliifi Ameerikaa fa'ii teeknolojii diroonii biyyasaaniitii baasuu hinbarbaadan kan jedhu Naa'ol, ''Kanaafu dura cabsineetis ta'u ofuma keenyaan barachuun omishachuu qabna'' jedha.

Kalaqni diroonii hojii haaraafi kan bu'aa baayyee qabu ta'u kan himu Naa'ol, qaamooleen dhimmisaa ilaallatu osoo dhugaa kana hubachuun irratti hirmaatanii biyyattiif bu'aa guddaa argamsiisu akka danda'amu hima.

Gara fuula duraattis teeknoolojii diroonii kanaan tajaajila fee'umsaa (drone shipping) fi damee qonnaa deeggaruuf karoora qabaachu dubbata.

Omishaaleen kalaqaa addunyaarratti beekaman kanneen akka Boeing irraa kaa'ee, kalaqawwan xixiqqaa akkasii irraa ka'uun waan guddaa akka hojjatan yaadachuun, teeknoolojii yeroo gaafatuurraa fayyadamuuf Itoophiyaanis kalaqaaf xiyyeeffannaa kennuun murteessaa ta'u dubbata.

Itoophiyaa keessatti diroonii ilaalchisee seerri qixaa'ee gahaan dhabamuunsaa, gara fuula duraa haala gabaa keessatti itti galamuurratti yaaddoo qabaachuu kaaseera.

''Teeknoolojiin yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa waan adeemuuf, dirooniifi saatalaayitiin gama hedduun Itoophiyaa gargaaruu waan danda'aniif, teeknolojiiwwan kunneen biyya keessatti amma omishamaniif fedhii cimaa qabaachuusaa Naa'ol BBC'tti himeera.