Dr Diimaa Noggoo: Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuu hanga dhuunfaan filannoo dorgomutti

  • Ammayyuu Ittaanaa
  • Gaazexeessaa, BBC News Afaan Oromoo
Dr Diimaa Noggoon hundeessaa ABO fi Dura Taa'aa jalqabaa dhaabichaa yoo ta'an sababa siyaasaan Somaaliyaai Keeniyaatti dabalatee hidhaaf saaxilamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Diimaa Noggoon hundeessaa ABO fi Dura Taa'aa jalqabaa dhaabichaa yoo ta'an sababa siyaasaan Somaaliyaafi Keeniyaatti dabalatee hidhaaf saaxilamaniiru

Jaarraa walakkaaf ta'u qabsoo keessa kan turan gameessi nama siyaasaa Oromoo Dr Diimaa Noggoo dhimmoota biyyattii humnoota siyaasaa waldhabsiise 'mariin biyyaalessaa' furuu danda'a jechuun BBC'tti himan.

Bara dargaggummaa isaanii hundeessaa akkasumas dura taa'aa jalqabaa Adda Bilisummaa Oromoo kan turan hayyuun siyaasaa kun, filannoo jahaffaa Itoophiyaa irratti dhuunfaan dorgomaniiru.

Paartileen mormituu keessumaa Oromiyaa keessa socho'an osoo hirmaatanii ''Mana maree keessa taa'anii iyyachuuf, akka paartiittillee mul'achuudhaaf isaan gargaara,'' yaada jedhu qabu.

Itoophiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa cimaa dhibamuun sirna dimookiraasii ijaaruuf kanneen rakkisoo ta'an keessaa tokkodha jechuun dubbatu. Warri jiran maali? Dhaabi isaan hundeessanoo?

Dhimma paartilee siyaasaa Oromoo, qabsoo hidhannoo, rakkoo biyyattii qunnameefi kaan irratti BBC waliin turtii dheeraa taasisaniiru. Itti dhihaadhaa!

Presentational grey line

BBC: Dhimmi Tigraay keessaa sadarkaa biyyaattis ta'e addunyaatti dhimma ijoo dubbii ta'eera. Walxaxaas ta'eera. Rakkoon kuni akkamiin furamuu danda'a?

Dr Diimaa: Waggaa dheeraan isaan beeka. Humni TPLF humna marii siyaasaatti amanu miti. Waan nuti jenne fudhatamuu qaba ilaalcha jedhu qabu.

Furmaatni gaariin silaa rakkoo siyaasaatif furmaata siyaasaati. Isaan garuu furmaata humnaarratti kan isaan hirkatan. Kan isaan aangoorra bahanis, kan aangoorra turanis humnumaani.

Kanarraa kan ka'e humni kuni haasaa nagaatif qophiidhamoo qophii mitiin gaaffii keessa jira. Yeroo dheeraaf aangoorra turani, biyya keessaafi biyya alaatti of ijaaraniiru.

Kana kanaan dhiibbaa gara garaa mootummaa irratti godhanii mootummaa kana harka kennisiisuu barbaadu. Kuni ammatti waan danda'amu hin ta'u.

Garuu gara tokkoon nageenya biyyaa tiksuun dirqama mootummaati. Aangoo mootummaa federaalaatifis kennamedha.

Isa tiksaa gara kaaniin immoo rakkoo siyaasaa walumaagala biyya keessa jirummoo akkaataa inni karaa nagaatin furamuurratti tarsiimoo baasuun barbaachisaadha.

'Mootummaan qofaa isaa murteessuu hin danda'u'

BBC: Dhaabbileen mormituu kana dura 'mariin biyyaalessaa' akka taasifamu gaafataa turan. Mootummaanis filannoo booda nan gaggeessa jedheera. 'Mariin biyyaalessaa' maali? Maal fura?

Dr Diimaa: Biyya kana keessatti 'mariin biyyaalessaa' jiraachuu qaba jechuun dhaabbileen garaa garaa sochii taasisaa jiran ni jiru. Kuni maaliifi filannoon fudhatamummaa mootummaati kan inni mirkaneessuu danda'u.

Waa'een heera biyyaa, akkamitti haa caaseffammu biyyi kuni kan jedhuufi waan kana fafakkaatu filmaanni hin furu. Kan kana furuu danda'u waliigaltee biyyaati.

Qaamonni hawaasaa, ilaalchi siyaasaa biyya kana keessa jiran hundi walgahuun alaabaa akkam haa godhannu, heera akkamii haa tolfannu, Afaan akkam haa ta'u, caasaan federaalizimii akkam haa ta'u kana kanarratti waliigaluu qabu.

Waliigaltee hundeerra gahuu qabu. Sana booda heerri barreeffamuu danda'a. Yookiin kan jiru wayyeeffamuu danda'a.

Malee filmaanni homaa hin furu, mootummaanis kana qofaa isaa murteessuu hin danda'u. Kanaaf barbaachisa mariin biyyaa.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Dhimmoota biyyattii humnoota siyaasaa waldhabsiise 'mariin biyyaalessaa' furuu danda'a'
Presentational grey line

'Paartileen Oromoo maqaaf malee hinjirani'

BBC: Paartiilee siyaasaa Oromoofi paartii biyya bulchu gidduu waliin wal dura dhaabbannaa, wal himachuutu jira. Furmaanni maali?

Dr Diimaa: Walumaagala paartileen siyaasaa Oromoo jiru jechuun hin danda'amu. Osoo jiraatani of mul'isu. Maqaaf jiru malee hin jirani.

Baay'een isaanii maqaadhuma dur ittiin ijaaraman akka alaabaa qabatanii isa ittiin deemu malee keessattuu warri paartilee kana hoogganna jedhan of jalaa caasaa bal'aa, ummata keessa diriiree miseensa bal'aa qabu hin qaban.

Rakkoon biyya keenyaa waligalaa dadhabina paartilee siyaasaati.

Sirna dimookiraasii ijaaruudhaaf utubaan dhaabbattoota mootummaa walaba ta'an akkasumas, paartileen siyaasaa ciccimoon ummata bal'aa hiriirsanii socho'uu danda'an jiraachuudha

Kanaaf paartileen Oromoo kuni of keessa deebi'anii of ilaaluu qabu. Dura sagantaa isaaniirraa ka'uun dargaggoo ol adeemuuf gaaffii isaa deebisuu danda'urratti of hundeessuu danda'uu qabu.

Namoonni sababa isaan itti hidhamani ani hin beeku. Namoonni hidhaman baay'ee jiru. Gariin isaanii haala nageenyaan walqabatee, siyaasaafis warri hidhaman jiraachuu ni danda'u.

BBC: Wal dura dhaabbannaa dhaabbilee siyaasaa kanaaf furmaanni maaliree?

Dr Diimaa: Paartiin biyya bulchuufi mootummaa gidduu daangaan hin jiru. Kanaaf, yeroo garii paartii biyya bulchu jedhu yeroo garii mootummaa jedhu.

Paartileen mormituus yeroo himatan kamiin akka himachaa jiran hin beekamu.

Diimaa Nagawoo (PhD)
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Diimaan bulchiinsa mormii ummataa booda aangootti baheef qormaata kan ta'an keessaa badii amma duraatiif itti gaafatamni jiraachuu dhabu tokkodha jedhu

Waan mootummaa wajjiin jiru mootummaa wajjiin fixachuu, waan paartii biyya bulchu wajjiin jiru paartii biyya bulchu waliin qofaatti fixachuu qabu. Paartiileen mormitoonnis itti gaafatama qabu.

BBC: Paartileen immoo mootummaa himatu. Akka nuti hin ijaaramne mootummaatu nuqabe jedhu.

Dr Diimaa: Mootummaan koottu na mormi jedhee nama hin ijaaru. Qabsoon yoomiyyuu wareegama qaba. Qabsoon bifa garagaraa wareegama bifa gara garaa qaba.

Wareegama sodaatanii immoo qabsoon godha jechuun hin danda'amu. Akkasitti kan mootummaa dura dhaabbachuu danda'an malee mootummaa kadhatanii hin danda'amu. Isaaniis humna agarsiisuu qabani.

Presentational grey line

Filannoo Itoophiyaa 2021

BBC: Filannoo Biyyaalessaa jahaffaa irratti dhuunfaan Goreetti dorgomtaniittu? Maaliif dhuunfaan dorgomuu feetan?

Dr Diimaa: Miseensa paartii kamiyyuu waan hin taaneef, mana maree keessa taa'emmoo yaada qabu ibsuu waanin barbaadef akka dhunfaatti dorgome.

BBC: Dhaabi keessan Addi Dimookiraatawaa Oromoo (ADO), ODP waliin tokko ta'e tureemi?

Dr Diimaa: Tokko ta'ee ture. Ani yeroositti dhuunfaadhumaan waan danda'u hojjechuu, gargaaruu, keessattuu karaa beekumsaafi muuxannoo qabuun hojjechuu filadhe.

BBC: Isa duraattiin isin deebisa. Paartileen Oromiyaa keessa dhaaba biyya bulchu morkachuu danda'an lama filannoorratti hirmaachuu dhabuun isaanii dadhabina isaaniiti yaada jedhu qabduu?

Dr Diimaa: ABO'n rakkoo of danda'e qaba. Gara tokkoon hojii siyaasaa keessatti, gara kaaniin qawweedhaan - kana keessaa tokko filachuu danda'u qaba. KFO'nis hirmaachuudhaaf qophii gahaa qaba natti hin fakkaatu.

KFO'n baroota dheeraadhaaf namoonni hidhaa taa'anii filmaata Wayyaanee keessattuu hirmaachaa bahe. Filmaata bara 2015 Baqqalaa Garbaa mana hidhaa taa'eeti hirmaatan.

Isa kana keessattimmoo carraayyuu qabu turani. Namuma hamma tokkoowuu osoo filchisiifatanii sagalee ta'uufi danda'u turan.

Mana maree keessa taa'anii iyyachuuf, akka paartiittillee mul'achuudhaaf isaan gargaara ture jedheen yaada ani. Dogongora godhaniiru isaaniis.

Tarii gama mootummaanis dhiibbaan garaa garaa irratti godhamuun, keessattuu haala nagaa biyya keessa tureen walqabatee walumaagalammoo mormii humna Wayyaanee wajjiin jiru walqabatee namoonni kana keessatti lallaaqatanis jiraachuu danda'u.

Presentational grey line

Akeeka Ganamaa

BBC: Hundeeffama ABO keessa qooda fudhachuu dabalatee waggoota dheeraaf qabsoo keessa turtan. Gaaffiin ganama qabattanii qabsoo itti seentan maali, deebi'eeraa?

Dr Diimaa: Gaaffiin hin deebine garuu dhawaataan deebi'a. Wanti deddeebi'e jira. Qabsoonis dheeraadha gaaffiinis yeroo tokkotti hin deebi'u. Ammas qabsoon itti fufee jira.

Akeekni jalqaba ittiin kaane ummati Oromoo biyya isaa irratti akka abbaa biyyaa ta'ee mirga guutuu qabaatee jiraachuu danda'udha. Ummata Oromoo aangeessuu ture.

Akka lammii lammaffaatti ilaalamaa ture. Aadaan, afaan isaa gadi qabamaa ture.

MM Abiy Ahimad akkuma aangootti dhufaniin dhaabbilee siyaasaa waamicha nagaa mootummaa fudhatan keessaa tokko dhaaba Dr Diimaan hundeessan, Adda Dimookiraatawaa Oromoo (ADO) tokkodha
Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad akkuma aangootti dhufaniin dhaabbilee siyaasaa waamicha nagaa mootummaa fudhatan keessaa tokko dhaaba Dr Diimaan hundeessan, Adda Dimookiraatawaa Oromoo (ADO) tokkodha

Kana keessaa bahe eenyummaa ofii gad-dhaabbatee afaan isaas dhimma itti bahee, aadaa isaas dagaagfatee seenaa isaas baratee eenyummaa isaatiin boonee akka jiraatu gochuu ture akeekni jalqabaa. Kunimmoo tokko tokkoon guutamaa deemaa jira jechuudha.

Presentational grey line

Gabaasaalee kanaan walfakkaatan:

Presentational grey line

Oromummaa fi Itoophiyummaa

BBC: Qeeqxonni, bulchiinsi MM Abiy namoota waa'ee Oromoo gaafatan hacuucaa jira jechuun himatu. Akka siyaasa biyyattii itti dhiheenyaan nama hordofutti maali yaadi keessan?

Dr Diimaa: Ani baay'eesaa kana quba hin qabu. Yoo akkaataa deemsa biyya kanaa nama tokkotu jijjiira nama tokkotu wayyeessa ta'uu danda'e, siyaasaa dhiisuu barbaachisa.

Siyaasaan namni tokko waan ministira muummee ta'ef waan hunda geeddaruu danda'a jechuun hin danda'amu. Ummannoo maal gochaa jira?

Mirga isaatiif kan qabsaa'ee mootummaa wayyaanee kuffise ummata Oromooti mitii? Callisee mana galee taa'emoo maalitti jiraadha? Ani nam-tokkee osoo hin ta'in ummata irrattiin amantii qaba.

Ummanni mirga isaatiif yoomuu ni qabsaa'a. Waan irraa hir'atees ni guuttata jedheetan yaada.

BBC: Namoonni Oromummaafi Itoophiyummaan waldhiiba jedhan jiru. Kaanimmoo faallaa dubbatu. Akka nama qabsoo keessa turetti akkamiin ilaaltu.

Dr Diimaa: Wal fudhachuus hin danda'a, waldhiibuus hin danda'a. Akka kanaan dura turetti yoo Itoophiyummaan Oromoo hin dabalu ta'e Oromoo hin dhiiba jechuudha.

Garuummoo Oromoon handhuura biyya kanaa keessa jiraata. Wayyaba biyya kanaati.

Yoo Oromoon inni ofii isaatiif Itoophiyummaa akka itti ilaalu, Oromummaa irratti kan ijaarame kan ummata biraa haammatu akka ta'utti yoo tolche waan walduukaa deemu ta'uU danda'a.

Eenyummaa ummata hundaawu tiksee sanarrattimmoo biyyummaarratti kan wal taanu yoo ta'e hunda hammachuu danda'a.

Siyaasa Oromoofi walhimannaa

BBC: Siyaasa Oromoo keessa wal himannaa kana, walitti duulutu baay'ata. Namootumti siyaasaa miidiyaatti bahanii dubbachuu yeroo rakkatan mul'ata. Maal taajjabdan waggoota dheeraa kana keessatti.

Dr Diimaa: Ani yeroo dheeraadhaaf miidiyaarratti dhihaachuu yeroon itti jibbe qaba. Amma waanuma amma haasofne kana yeroo isin baastan namoonni eenyummaa isaanii hin beekne nama abaaruufi arrabsu kana kanatu jira.

Walumaagala siyaasa Oromoo keessa kanatu jira. Kunimmoo siyaasni Oromoo baay'ee boodatti hafaa ta'uusaa agarsiisa.

Namni yoo siyaasaan waldhabe akka lammata walitti haasa'u hin dandenyetti, akka namummaadhaanis waldhabuutti warri fudhatu fa'itu jira.

Siyaasaadhaan yaada garaa garummaa qabu jiraachuu ni danda'a. Yaada mo'etu dhumarratti bakka fudhata, aanga'a.

Kanaaf yaadaan wal mormuu, yaada kan kootu wayya jechuu malee kan kaanii xiqqeessuu qofaan homaa wanti argamu hin jiru.

Aadaa kana keessaa bahee namni aadaa baranaa/baranee (ammayyaawaa) kan namni yaadaan wal falmee waliin jiraachuu danda'u uumuun barbaachisaadha natti fakkaata.

'Dogongorri jira'

BBC: Lixaafi Kibba Oromiyaa bakkeewwan hidhattoonni sosso'anitti rakkoon nageenyaa ammallee ni jira. Maaliif furmaata dhabe?

Dr Diimaa: Haalli gariin jalqabarraa dogongorri goggodhame jira.

Keessattuu humnoota hidhatan yeroo dirree siyaasaa keessatti akka hirmaatan godhamu waan hidhannoo ilaalchisee gahatti warra keessatti hidhatanii lolaa turan wajjiin marii godhame irratti quubsaatti wanti xumurame dhabamutu rakkina garii Oromiyaa keessatti uume.

BBC: Akka nama waggaa dheeraaf qabsoo keessa turetti qabsoon Oromoo sadarkaa maalirra gahe jettu?

Dr Diimaa: Amma namoonni bifa garaagaraatin daggala keessaa mirga Oromoof qabsoo goona jedhani maaliif akka qabsoo gochaa jiran gahaatti hubannaa gahaa qabu natti hin fakkaatu.

Qabsoon Oromoo rakkina gurguddaa keessa seene keessumaa erga ABO'n mootummaa ce'umsaa keessaa bahe waggoota soddoma darbe keessatti.

Keessattummoo baroota digdamaan darban keessa rakkina gara garaa keessa seene. Kunis gara tokkoon dhaabichi gartuu gara garaatti faffaca'e.

Gara kaaniin ammoo humni wayyaanee keessattuu humni tikaa dhaabicha keessa seenee caasaa ABO dhuunfate. [Dhaabichi garuu himannaa kana hin fudhatu.]

Gariin beekaniiti garuu irra guddaan isaanii osoo hin beekiini waggoota dheeraadhaaf Oromoo hacuucaa ture wajjiin dhaabbatanii humna amma biyya kana jeequu irratti qooda bahaa kan jiran. Nama gaddisiisa.

Kanaaf mootummaan humna kana bifa keessattuu ijoollee dargaggoo kana bifa isaan ittiin jireenya biraatti deebi'anii jiraachuu danda'an, gaaffii ifaa ta'es yoo qabaatan akkaataa itti furamurratti hojjechuun barbaachisaadha jedheen yaada.

BBC: Baay'ee galatoomaa.

Dr Diimaa: Isinillee ulfaadhaa!

Presentational grey line

Dr Diimaa Noggoon eenyudha?

Gabaabinaan dhalootni Dr Diimaa yeroo ammaa Godina Iluu Abbaa Booraa jedhamuun beekamudha.

Barataa ta'anii qabsoo kan eegalan yoo ta'u kanneen waggoota dheeraa dura Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessan keessaa tokkodha. Umrii dargaggummaa keessa dura taa'aa dhaabichaa jalqabaa ta'uunis tajaajilaniiru.

ABO keessa siiviliis, jaarmiyaa waraanaa keessas tajaajilaniiru. Ajajaaa waraanaa dhihaas turan. Qabsoon walqabatee biyyoota Keeniyaafi Somaaliyaatti hidhamanii beeku.

Qabsoo hidhannoo booda ALI bara 1983 mootummaa cee'umsaa keessaa ABOn osoo hin bahin yeroo gabaabaaf sadarkaa ministiraan tajaajilaniiru.

Boodarra garuu dhaaba ABO keessaa bahuun Obbo leencoo Lataa waliin ta'un bara 2013 kanneen dhaaba Adda Dimookiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessan keessaa tokkodha. Dura taa'aa Itti aanaa dhaabichaas turan.

Qabsoo ummataan bulchiinsi MM Abiy gara aangootti erga bahee booda dhaabbilee siyaasaa waamicha nagaa fudhachuun dursanii biyyatti deebi'an keessaa tokko ADO dha. Dhaabi kunis boodarra ODP waliin tokkoome.

Barumsa PhD isaanii Yunivarsiitii Ameerikaa 'Tenessee' irraa kan argatan namni siyaasaa gameessi Dr Diimaan yeroo ammaa rakkoon biyyattii mariin akka furamuf kanneen sosso'an keessaati.

Dabalataan, miseensa mana maree gorsitoota diinagdee biyyaalessaa walabaa hundaa'e keessas jiru.