Boordiin filannoo hayyama dhaaba obbo Lidatuu dabalatee kan 26 haqe

Loogoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Madda suuraa, NEBE/Facebook

Filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaa ji'oota muraasa booda gaggeefamuuf paartilee qophaa'aa turan keessaa 26 ulaagaa kaahame waan hin guunneef haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Boordichi paartilee filannoof qophaa'aa jiran irratti labsii boordichaa lakkoofsa 1162/2011 fi ulaagaa paartileen guutuu qaban bu'uureffachuun qorannoo erga gaggeessaa turee booda murtee dabarsuu beeksise.

Boordichi mallattoo hundeeffamaa paartileen walitti qaban naannoleetti dameelee qabuun erga qoratee booda kanneen mallattoon hundeeffamaa isaanii 35% gadiin mirkanaahe akka haqamu kanneen isaa oliin mirkaanaaheef ammoo akka galmeen isaanii mirkanaahuuf murtaahuu ibsa Kibxata galgala baaseen ibseera.

Bu'uuruma kanaan paartileen 26 mallattoon hundeeffama isaaniif sassabame dhugummaan isaa 35% gadi waan ta'eefi ulaagaalee biroos waan hin guunneef haqamuu beeksise.

Dhaabbilee siyaasaa ulaagaa jedhame guutuu dhabuun haqaman keessa Paartiin Dimookraatawaa Itoophiyaanotaa kan obbo Lidatuu Ayyaalew keessatti argama.

Dhaabni kun mallattoon hundeeffamaa sassaabe dhugaa ta'ee kan argame 23% dha akka ragaa Boordichaatti.

Dhaabbileen siyaasa maqaa Oromoon hundaa'an sagal fi kan maqaa uummata magaala Finfinneetiin hundaa'e tokkos kanneen haqaman keessa jiru.

Paartii Koongireesii Oromoo, Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo, Adda Dimookraasummaa Walabummaa Oromoo, Paartii Dimookraasummaa Walabummaa Oromoo, Tokkummaa Dimookraasummaa Oromoo, Tokkummaa Uummata Finfinnee Haqaa fi Dimookraasiif kan jedhaman fa'atu keessatti argama.

Paartileen maqaa uummatoota akka Somaalee, Affaar, Agawuu, Hariirii fi kaaniin hunda'aniis ni argamu.

Paartilee haqaman kanaan dabalataan paartileen biroon 12 ammoo gaaffii boordichi dhiyeesseef ibsa dabalataa akka kennan ykn ammoo ulaagaa hin guutiin hafan akka guutan gaafatamanii adeemsi isaani kan hin xumuramne jiraachuu Boordichi ibseera.

Paartilee kana keessa Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogadeen, Paartiin Biyyaalessaa Oromoo, Paartiin Dimookraatawaa Biyyaalessaa Sidaamaafa'a ni argamu.

Gama kaaniin Paartii Badhaadhinaa, Kongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Baaldiraas, Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa(Abiin) dabalatee paartilee 40 irratti hojii qulqulleessuu hojjetameen ulaagaa waan guutaniif galmeen isaanii mirkanaahuu Boordichi beeksiseera.

Paartiin Dimookraasummaa uummata Quucci ulaagaa kaahame 100% guutuun tokkoffaa, Addi Dimookraatawaa Uummata Walaayittaa 99% lammaffaa ta'uu ibsa boordichaarraa hubachuun danda'meera.

Paartileen ulaagaaleen teeknikaa isaan hafu torballee jiraachuun kan ibsamee yoo ta'u, kana keessaa sadii partilee naannoo Tigraay keessatti socho'aniidha.

Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kanneen haqamanis ta'e galmeen isaanii mirkanaahe akkasumas kan dhimmi isaanii adeemsarra jiru jalatti hin eeramne.

Tarkaanfii waraanaa naannoo Tigraayiitti gaggeeffame hordofuun aanga'oonni isaa seeraan barbaadamaa kan jiru dhimmi TPLF, galmee paartilee siyaasaa dhiheenya gaggeeffamuun kan ilaalamu ta'uu Daarektarri Komunikeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Soliyaanaa Shimallis BBCtti himaniiru.