lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan Itoophiyaatti galmaa’e
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhbee Covid-19n du'anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira. Kan har'aa shan dabalatee walumaagalatti namoonni 32 du'aniiru. Kan har'a haaraa qabaman 190 dabalatee walumaagalatti 2,336 qaqqabeera.
Gabaasa Kallattii
Yeroon eerame hundi akka UK tti.
Irratti hirmaadhu
Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu
Guutummaa addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee miiliyoona 274 ol darbeera.
Dabalata dubbisiTamsaasni keenya galgalaa xumurame
Tamsaasni kallattii har'aa xumurame.
Boru ganama walitti deebina.
Oduuwwan garaa garaa gadii dabarsaa dubbisuu dandeessu.
Halkan gaarii.
Owwaalchi Joorj Filooyid Hiwustanitti raawwataa jira
Sirni owwaalchaa Hiwustan Teksaasitti harmee isaa biratti raawwata jedhameera.
Joorj Filooyid torban lama dura ture bulchiinsa Ameerikaa Minesotaa Magaalaa Miniyaappolisitti poolisiin adii morma isaarra daqiiqaa 9’f dhihaatuf erga ejjetee booda kan du’e.
Ergasii booda mormiin farra sanyummaa Ameerikaa fi biyyoota addunyaa garaa garaatti taasifameera.
‘Joorj Filooyidif yoo haqni jiraate, Ameerikaa keessa haqa sanyummaa irratti raawwatuf haqa argachuuf deemna,’ jedhaniiru paartii Dimookiraatik bakka bu’un pirezidantii Ameerikaaf kan dorgoman Jooyi Baayidan.
Baayidan maatii Joorj Filooyid mana dhaqanii jajjabeessaniiru.
Dubartii ulfaa waraanamtee mukaratti fannifamteef lammiileen haqa gaafatan
Ajjeechaa shammarree ganna 28 Tishegofatsoo Pulee booda midiyaalee hawaassummaa akka Tiwitaraa Afrikaa Kibbaatti dhaadannoon #JusticeForTshego (Tishegoof haqa) kan jedhuu bal'inaan qoodamaa tureera.
Reeffii ishee waraanamtee kan argamee naannoo Johaanisbergitti mukaratti fannifameeti.
Dabalataaf > Dubartii ulfaa waraanamtee mukaratti fannifamte
Miseensonni paarlaamaa UK ajjeechaa Joorjii Filooyid callisaan yaadatan
Gurraachi Ameerikaa Filooyid poolisiin ajjeesuun dambalii mormii addunyaarratti kaaseera.
Bitootessa 25 guyyaa Filooyid ajjeefameerraa kaase hiriirri loogii sanyummaa gurraachotarra qaqqabu balaaleffatu UK keessattis bahamaa ture.
Seeraa baastonni biyyatti har’a sirna yaadannoo sammuun yaadachuuf callisaan turan.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan dhaamsa dabarsaniin,namoonni tasgabba’anii karaa seera qabeessaan cunqursaa fi loogii sanyummaa injifachuu qabu jedhan.
Hogganaan Leebar Paartii Kihiir Starmiir toora tiwitarasaanii gubbaatti ‘Joorji Filooyid moggaasa maqaa biraa ta’u hin danda’u,duuti isaas si’eessituu jijjiramaati’ jechuun barreessan.
Sirni owwaalcha Joorj Filooyid Hiwustanitti raawwachuufi
Sirni owwaalcha lammii Ameerikaa gurraacha harka poolisii jalatti ajjeefame yeroo gabaabaa booda Hiwustanitti ni eegala.
Duuni Joorj Filooyid mormii guddaa addunyaa guutuuf ka’umsa ta’eera.
Reeffi gaafa Wiixataa waldaa geeffame fuudhamee guyyaa har’aa harmee isaa biratti owwaalchi isaa raawwata jedhameera.
Ajjeechaa isaa keessa poolisoonni afur qooda fudhatan hojiirraa ari’amanii himatamanii jiru.
Pirezidantii Ameerikaa ta’uf paartii Dimookiraat bakka bu’un kan dorgoman Jooy Baayiden maatii Joorj Filooyid qaamaan argamani jajjabeessaniiru.
‘’Duuni Joorj Filooyid seenaa Ameerikaa keessatti agarsiistuu cimaadha,’’ jedhaniiru Baayidan CBS’f yoo dubbatan.
Magaalaan Beeljiyeem siidaa Liyoppold II jigsite
Bara kolonii mootii Beeljiyeem kan ture Liyooppold II bara aangoorra turetti biyya amma Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo jedhamutti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Siidaan mootii kanaa yeroo dheeraaf magaalaa Antwerp keessatti kan ture yoo ta'u kanneen sanyummaa mormuun daanditti bahaniin jigeera.
Kanneen mormiif daanditti bahan gaafa Wiixataa siidaa kanaa halluun dibanii balleessanii ture.
Kana dura Beljiyeemitti kanneen siidaan isaa akka jigu gaafatan duula gaggeessaa turan.
Gaazexessaan Beljiyeem jiru yeroo namoonni siidaa kana jigsan akkanaan waraabee ture.
Ambasaaddar Diinaa Muftii Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa ta’an
Masiriitti ambaasaddara Itoophiyaa ta’uun amma dhiyeenyatti kan tajaajila turan Ambaasaaddar Diinaa Muftii Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa ta'un muudamuu EBC'n gabaaseera.
Ambaasaaddar Diinaan hojii kanatti yeroo lammataaf muudaman.
Kana dura yeroo Obbo Haailamaariyaam Dassaalany Ministira Dhimma Alaa turan Dubbii Himaa ta'un dalaganiiru.
Masrii dura Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan turan yoo ta'u dhiheenya Ambaasaaddaroota gara garaaf waamichi yeroo taasifamu biyyatti waamamanii turan.
Amma nu gahePirezidantiin Burundii ‘’dhukkuba onneen’’ tasa lubbuun isaanii dabarte
Pirezidantiin Burunzii Piyerree Nikurunziizaa du’u isaanii mootummaan biyyattii ibsa baasen himeera.
Umriin pirezidantichaa 55 ture.
Gabaasa dabalataaf: Burundiin guyyoota gaddaa torba labsite
Jaappaan biskileeti iyyisiisuu adabuuf seera baaste
Jaappan keessatti, akkuma biyyooti biroo, yeroo weerara koronaavayirasiitti namootni biskileeta fayyadaman baay'ataniiru.
Kanaafis, mootummaan Jaappaan, balaa biskileeta oofuun dhufu hir’isuuf seera haara baaseera.
Wanti seera kana adda godhu wantoota kana waan dhorkuufi; sagalee kilaaskii biskileeta fayyadamuu, akka malee tasa dhaabuu,fi daandii cufuu.
Jaappaan keessatti durumaanu namootni hedduun biskileeti kan fayyadaman ta’us, kanneen daandii biskileetaaf kennamee gadhisaanii seera tiraafikaa cabsan jiru.
Ta’us seeroti amma ba’an kanneen barbaachisoo jedhamanii yaadaman miti.
Haa ta’u malee, Waxabajjii 30 irraa eegalee, utuu kilaaksii biskileetakee akka malee iyyisiistuu yoo argamtee leenjii of eeggannoo tiraafikaa dirqamaa fudhachuun ykn ammo addabbii doolara 5,00 sitti murtaa’a.
Yoo umurii ganna 14 gadi taatee garuu akka barbaadde iyyisiisuu dandeessu jedhameera.
Uggurri sochii lubbuu mil. saditti dhiyaatu du’arraa hambise-Qorannoo
Awurooppaatti sochii namoota ugguruun lubbuu namoota miliyoonatti lakka’amanii du’arraa hambisuu qorannoo mul’ise.
Weerara dhibee to’achuuf labsiinlubbu namoota miliyoona saditti tilmaamanii du’aarra hambisuu qorannoon gartuun qorannoo Imperiyaal kolleejji Landan himaniiru.
‘Otoo labsiin kun bane namoonni du’an ol dabala’jechuun amma weerarri kana jalqabarra jirraa jedhaniiru.
Qondaaltota Naannoo Amaaraa ajjeesun kanneen shakkaman harka kennan
Torban tokko dura Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Walloo qondaaltota Aanaa Raayyaa Qobboo irratti ajjechaa raawwachuun kanneen shakkaman lama harka isaanii kennuu poolisiin hime.
Dabalata dubbisiLammiileen Itoophiyaa 259 Kuweet irraa gara biyyaatti deebifaman
Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa lammiilee 259 guyyaa har'aa biyya Kuweet irraa gara biyyaa deebisuu isaa beeksise.
Qondaaltonni olaanoonis buufata xiyyaara idila addunyaa Booleetti simataniiru.
Kana dura, lammileen Itoophiyaa kaampii waraanaa biyyatti keessatti ugguramuu himataa turan.
Torban dura mootummaan Itoophiyaa biyyoota koronaavaayirasiin hammaate keessatti lammiilee rakkataa jiran akka biyyatti deebisu himee ture.
Weerara dhibeef haala nama saaxilu keessatti walitti heddummatanii akka jiraniifi mootummaan akka gara biyyatti isaan deebisuu iyyataa turu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hogganaan gartuu ‘KKK’ hiriira mormiitti konkolaataa ariyatee himatame.
Hogganaan gartuu olaantummaa qomoo warra adii leellisan ‘KKK’ hiriira mormiitti konkolaataa ariyatee himatame.
Haarii Roojars namtichi ganna 36 hiriirtota Virjiniyaatti mormiif Dilbata darbe bahanitti konkolaataa muddamaan ariyate.
Miidiyaaleen Ameerikaa akka himanitti Roojars himatameera garuu hin hidhamne.
Obbo Roojars haleellaa raawwachuun hiriirtota miidhuun shakkamee mana murtii Henirikootti argamutti Wixata kaleessaa dhiyaatera. Hiriirtota loogii sanyummaa gurraachota Ameerikaarra qaqqabu mormuuf bahan keessa namni tokko madaa’aan salphaan irra qaqqabe wal’aansa argeera.
Haleellaa jibbarra madde raawwachuun Roojars ammatti qoratamaa jira.
Ameerikaa kutaa Siyaatilittis keessattis haaluma walfakkaatuun namni biraan tokkos hiriirtotatti konkolaataa saffisaa konkolaachisuun qawween nama tokko madessee to’atameera.
Joorji Filooyid ajjefamuun booda mormiin loogii sanyummaa balalleeffachuuf Ameerikaatti bahamaa jiru torban sadii lakkoofiseera.
Afrikaan Kibbaa doolaara miilyoona 14 doktaroota Kuubaaf kennuufi
Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweeli Mikihize ittisa koronaavaayirasii akka tumsaniif doktaroota Kuubaadhaa fidun biyyattii dolaara miiliyoona 14 ishee baasisa jedhan.
Ispeeshiyaalistoonni Kuubaa 187 ogummaa garaa garaa qaban hanga bara 2021’tti Afrikaa Kibbaa keessa turu.
Ogeessonni kunneen dameewwan ogeessota ciccimoo Afrikaan Kibbaa horachuu hindandeenye irratti beekumsa gahaa qabu jedhaniiru Dr Mikihizeen.
Haa ta’u malee, kana dura yeroo doktaroonni biyyattii gahan waldaan ogeessota Afrikaa Kibbaa ogeessonni fayyaa hojii hin qabneef dursi kennamuu qaba jedhanii gaafatanii turan.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii olaanaan galmaa’e
Itoophiyaatti guyyaa tokko keessatti namoota haaraa 190 irratti koronaavaayirasiin argame.
Kunis, isa olaanaadha.
Namoota vaayirasichaan qabaman keessa 153 jiraattoota magaala Finfinnee yoo ta’an 16 Oromiyaa irraati.
Sababa vaayirasichaandabalataan lubbuun namoota shanii darbu Ministeerri Fayyaa ibseera.
Akkaatuma kanaan, waligala lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan lubbuu dhabanii 32 qaqqabeera.
Kan namoota vaayirasichi irratti argamemmoo 2336 gaheera.
Namoonni vaayirasichaan qabaman daa’ima ganna tokkootii qabee hamma umrii 89 gidduutti argaman yoo ta’an hundisaanii lammii Itoophiyaa ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.
Naannoo Oromiyaatti qorannoo 285 taasifameen namoota 16 irratti koronaavaayirasii argame keessaa 11 Harargee Bahaatti galmaa’e.
Kan hafe lama Sandaafaa, lama Burraayyuu akkasumas tokko hafe immoo Jimmaatti galmaa’e.
Kudha jaha keessaa 13 bakka adda of qoodaniitti qorannoo taasifameen kan argame yoo ta’u kan Buraayyuu lamaafi kan Jimmaa garuu hawaasa keessaa ta’u Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa maaliif 'hadhaba' keessaa hin ba'amne ta'e?
Waggoota lama dura erga mootummaan jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti bu’uuressuuf onnadhe jedhu aangoo qabatee asitti hidhaafi dararaan ni dhaabbata yookiin ni hir’ata abdiin jedhu biyya keessaafi alaallee tureera.
Dabalata dubbisiMeeshaan ho'a qaamaa safaru Covid-19 adda ni baasaa?
Yeroo sochiin dhorkamee ture deebiyee banamaa jiru kanatti meeshaan ho'a qaama namaa ittiin safaruun fayyummaa namaa ilaalan bakkawwan ummanni argaman maratti faayidaarra oolaa jira.
Meeshaan kun addatti ykn gurraafi mormatti dhiyeessuun ho'a qaamaa safaruuf gargaarti.
"Meeshaan sirrummaan isaa termoomeetira medikaalaan gadidha," jedhan Yunivarsiitii Kollejjii Landaniirraa Piroofesar Derik Hiil.
Yeroo ammaa ho'a qaamaa maaliif sakkatta'u?
'Osoo qabeenya bishaanii qabnuu kadhachuun nu nuffisiiseera'-MM Abiy
Mormiin gama Masiriifi Sudaaniin dhiyaataa jiru jiraatellee Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa xumuruuf jirti jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.
Dabalata dubbisiSeera baastonni Keeniyaa pirezedaantii buqqisuutti deemuuf
Seera baastonni Keeniyaa qocha heera mootummaa haqaniiru jedhuun Pirezedaant Uhuuruu Keeniyaataa aangooraa buqqisuudhaaf manneen maree lamaan mallattoo akka sassaaban gochuuf.
Waldaan Abbootii Seeraa Keeniyaa (LSK) akka jedhetti, Abbaa Alangaa Waliigalaa waan pirezedaanticha akka hin taaneetti gorseef miseensummaa keessaa isa haquuf jira.
Kun abbootii alangaa 41 komishiniidhaan akka muudaniif dhiyaate diduu isaaniitiin kan dhufedha.
Kana ta'uun ammoo hojiin manneen murtii akka laamsha'an taasiseera jechuun dursaan damee haqaa komii dhiyeessaniiru.
"Nuti nama heera mootummaa kabachiisuudhaaf kakatee garuu akka heerichi jedhutti hin rawwanne hin barbaadnu," jedhan Pirezedaantiin LSK Nilson Haavii Amajji darbe keessa Pirezedaanti Uhuuruu Keeniyaattaan abbootiin seeraa kunneen tokko tokko rakkoo amanamummaa waan qabaataniif hin kaksiisu jedhanii ture.