Zineet Kamaal: Dubartii ogummaa seeraa irraa gara injinara saayibar seekuriitiitti geeddaruun milkoofte

Zinet Kamaal

Madda suuraa, Zinet Kemal

Zineet Kamaal bara 2013 bakka dhalootashee Finfinneerraa gara Ameerikaa kan deemte viizaan carraa lotariin gahu - DV’n isheef baheeti.

Jireeenya foyya’aa tahe barbaacha garas imaluun dura Zineet ogummaa seeraa Yunivarsiitii Jimmaa irraa eebbifamteen Ejansii Invastimantii Itoophiyaa keessatti tajaajilaa turte.

Ameerikaa erga deemteen booda kutaa bulchiinsa Miniisootaatti Yunivarsiitii Meetroopolitaaanitti IT barachuun qabxii olaanaadhaan eebbifamte.

Kun seenaa haadha ogeettii hedduu kan taate Zineet Kamaal.

Short presentational grey line

Daandii hojii geeddaruu

Ziinet haadha ijoollee afurii yoo taatu, ‘’ijoollummaa koo irraa qabee teeknolojiin nan jaaladhan ture, kanaafin herreega akka haaraatti barachuu dabalatee injinar tahuuf kanin aarsaa kaffale,’’ jetti.

Barnoota IT kanaan waggaa dhumaarra otoo jirtuu damee teeknolojii kana dura takkaa dhageessee hin beekne tokko barte. Innis saayibar-seekiyuriitii yoo tahu-odeeffannoo dijitaalaa tiksuu irratti xiyyeeffata.

Zineetis dameedhuma teeknolojii kanaan yunivarsiitishee bakka bu’uun, wal-dorgommii dhimma saayibarii ilaallatu ''Collegiate Cyber Defense Competition'' irratti hirmaachuun sadarkaa sadaffaa argachuun xumurte.

Waajjira mootummaa shaakallii hojiif otoo barumsashee hordoftuu qacaramtetti hojii dhaabbataa argatte.

Damee ogummaa saayibar-sekiyuriitii kana maaliif akka filatte yoo himtus, ‘’haadha gatiin taheef, ijoollee koo nan tiksa, nan eega, ogummaan saayibar-seekiyuriitiinis dhimma odeeffannoo eeguu waan taheefin jaaladhe jedheen yaada,’’ jetti Zineet.

Kana malees dameen hojii kuni yerooma yerootti haaromaa deema ‘’animmoo nama dafee waa nuffu gatiin taheef natti tola,’’ jetti.

Ogummaa bara 2017tti akka haaraatti barte kana guddisuuf barnoota idileen alatti leenjiiwwan gargaraa hordofuun waraqaa ragaa argachaa akka of guddistes himti.

Yeroo ammaa kanas damee barnoota saayibar-seekuuriitiidhaan Yunivarsiitii Teeknolojii Joorjiyaatti digrii lammataa hordofaa jirti.

Gama dalagaan immoo dhaabbata tarree Fortune 500 keessa jiruuf injineera ‘’Cloud Security‘’ tahuun hojjetaa jirti.

Zinet Kamaal maatiishee wajjin

Madda suuraa, Zinet Kemal

Ibsa waa'ee suuraa,

Ziinet haadha ijoollee afurii yoo taatu, ‘’ijoollummaa koo irraa qabee teeknolojiin nan jaaladhan ture,'' jetti

Zineet Ameerikaa godaantuu taatee deemuun, damee ogummaa ishee geeddaruun, barnootashee duraa irraa waan gargar tahe qo’attee milkaa’uusheetiin, seenaan ishee miidiyaalee dijitaalaa Miniisootaa irratti gabaafameera.

Badhaasa ‘Wave Makers Award’ dubartoota hawaasaafi ogummaa isaanii keessatti milkaa’aniif kennamus badhaafamteetti.

Gama saayibar-seekiyuriitiin dalagaa fakkeenyummaa qabu raawwachuun dhaabbata ‘Futurecon’ jedhamurraas beekamtii argatteetti.

Dameen hojii kuni dubartoota harka xiqqoo qabaatus Zineet ijoollee afur otoo guddistuu hojii kanaan akkan milkaa’u kan godheen, ''kutannoo, waan jalqabanitti cichuufi barnootaan of guddisuudha,'' jetti.

‘’Dubartoonni hojiin kuni, iddoo kuni anaaf taha jechuu qabna malee dursinee keessaa of baasuu hin qabnu,’’ jechuun ibsiti.

Keessumaa Ameerikaatti damee hojii kana keessatti, ‘’dubartii gurraattii hijaaba uffattu si’i qofaa tahuun waan namatti tolu miti, ani namoota akka koo baayyeen arguu fedha,’’ jetti.

Kanaan ala garuu, ‘’anaaf dhiibbaan inni guddaan isan ofiin ofirra kaa’udha. Akkan danda’u agarsiisuuf barnoota garagaraa nan baradhaa, hojii cinaatti nan hojjedhaa, hojiin idilees itti yeroo dabalamu takka takkaa jireenya keetti madaala akka dhabdu si godha,’’ jechuun danqaa ishee mudatu ibsiti.

Kitaaba ijoollee badhaasa argate

Zineet barnoota otoon baradhuu, hojii reefu keessatti of guddisaa jiruufi itti gaafatamummaan ijoollee otoo jiruu akkamiin kitaaba badhaafame maxxansite yoo naan jette, ’’akkamiin akka naa milkaa’e hin beekudha deebiin koo,’’ jetti.

Garuummoo kaayyoodha jetti. ’’Kitaaba maxxansuun dura ijoolleen koo waan mana barumsaatti isaan mudate dhufanii natti himu ture jetti.

‘’Waa’ee haalluu rifeensa isaanii, waa’ee hijaabaafi bifa isaanii gaafatamu,’’ jechuun ibsiti.

Kitaabileen waa’ee ijoollee hijaaba uffatanii Amaazoon irraa jiraatanillee baayyee muraasa gatii tahaniif, ‘’seenaa mataa keenyaa maaliif hin barreessinu?’’ jedheen barreessuu jalqabe jetti.

Sababiinsaas ijoollee koo waa’ee eenyummaa isaanii mana barumsaatti gaafatamnaan maatiin kaaniis waanuma akkasii keessa darbuun isaanii hin oolu jedheen yaade jetti.

Zineet kana dura kitaaba barreessitee akka hin beekneefi nan barreessa jettee yaaddee akka hin beekne himti.

Kitaabashee jalqabaa bara 2021tti ‘Proud in her Hijab’ jedhu otoo hin maxxansiin dura, ‘’akkaatuma kitaabni barreeffamu baruuf muuxannoo barreessitoota biroo dhaggeeffachaafi dubbisaa ture,’’ jetti.

Kitaabni kuni shamarraniifi dubartoota hijaaba uffachuu filatan aangomsuu irratti kan xiyyeeffatedha.

‘’Biyyoota kanneen akka Firaansiifi Indiyaa keessatti shamarran hijaaba akka hin uffanne dhorkamaniin, isin dhageenya, isin bira dhaabbanna,’’ ergaa jedhus qaba kitaabichi jetti Zineet.

Dabalataan waa’ee hijaaba uffachuurratti, ‘’ilaalchi dogoggoraa kan dhufu waa’eesaa beekuu dhabuurraanii jedheen amana’’ jechuun ibsiti.

Kanaaf waliigalatti kaayyoon kitaabichaa aadaa nurraa adda tahe kabajuu, baruufi adda tahuu irraan kan ka’e milkaa’ina gahuu qaburraa eenyuyyuu akka hin hanqanneef hubannoo uumuuf yaaduufi jetti.

Kitaabicha barreessitee xumuruuf baatii afur qofa akka itti fudhates himti Zineet. Tahus gabaa onlaayinii Amaazoon irratti #bestseller tahuun tokkoffaarratti gurguramaa ture jechuun nutti himteetti.

Boodas kitaabni ijoollee kuni badhaasota Distinguished Authors Guild fi 2022 Literary Titans book award jedhaman argateera.

Zinet Kamaal

Madda suuraa, Zinet Kemal

'Maqaan qooddatootaa... yeroo hunda Joon tahuu hin qabu'

Zineet hamilee kitaaba duraarraa argatteen, kitaabni inni jalqabaa maxxanfamee ji’a jaha gidduutti kitaaba ijoollee lammaffaa ‘Oh No Hacked Again’ jedhamu maxxansifte.

‘’Ammas akkamiin kitaaba lama ji’a jaha keessatti maxxansifte yoo naan jette hin beeku, sababiinsaa barreessitoonni waggaatti lama maxxansan illee ulfaataa akka tahe ijaa natti himaniif jechuudha,’’ jetti.

Garuu kitaaba lammataa barreessuuf kaka’umsa kan taheef, yeroo weerara koronaavaayirasii, ‘’ijoolleen koo geemii onlaayinii taphatu, barnoota isaaniis ittiin hordofu ture.

''Isaan keessa akkaawuntiin geemii kan lamman isaanii al-lama caalaa jalaa ‘haak’ godhame,’’ jetti

Taateen ijoollee isheerra gahes ka’umsa kitaaba isa lammataa akka tahe dubbatti.

‘’Qooddattoonni kitaabicha keessa jiraniiifi maqaan isaaniillee kan ijoollee kooti, kitaabicha keessatti ijoolleen kaanis akka of arganiif yaaduun maqaan isaanii Haaruu, Ilhaan fa’i dha fayyadame, yeroo hunda Joon tahuu hin qabu jechuudha,'' jechuun ibsiti.

Kitaabichi ijoolleen akkamiin akkaawuntiin isaanii butamuurraa akka eeggatan ni barsiisaa jetti Zineet.

Waa’ee haadha ogummaan ishee injinara saayibar-seekiyuriitii taatee gatii haasa’uuf ijoolleen waa’ee egeree isaanii yeroo yaadan, ogummaa yeroo baayyee ijoolleetti himamu kan akka hakiimaa qofa osoo hin taane, teeknolojii akkasiinis milkaa’uu akka danda’an agarsiisuufin yaale jetti.

Zineet dubartoonni hojii kamirrattiyyuu milkaa’uuf sababii duubatti isaan hambisu tokkoyyuu ofiif kennuu hin qaban jechuun himti.

‘’Sababiinsaas ani ogummaa koo duriirraa jijjiiree yeroon teeknolojii kana baradhuufi hojii argadhu ijoollee afur guddisaan ture garuu boodatti nan deebisne.’’