Gaaffiilee barsiisonni yunivarsiitii Itoophiyaa dhiyeessaa jiran maalfaadha?

Waajira muummee Ministeera Barnootaa

Madda suuraa, FB Ministeera Barnootaa

Faayidaan keenya nuuf hin kabajamne kan jedhan barsiisonni dhaabbilee barnoota olaanoo Wixata dhufu irraa kaasanii hojii dhaabuun mormii gaggeessuuf akka qophaa’an yoo ibsan, Waldaan Barsiisotaa ammoo waa’ee mormii karoorfamee wantan beeku hin jiru jedheera.

Barsiisonni waamicha mormii kana qindeessina jedhan BBCf akka ibsanitti, gaaffiin dhiyeessine deebii hanga argatutti Mudde 05, 2022 irraa kaasee barsiisonni yunivarsiitii hojii isaaniirratti akka hin argamne kan ibsan yoo ta’u, kana ilaalchisuun ammoo xalayaa ifa ta’ee qama mootummaa dhimmi ilaallatuuf xalaa barreessuu issanii beeksisaniiru.

Haata’u malee, Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa Dr. Yohaannis Bantii BBCn dubbise, mormiin hojii dhaabuu kun jiraachuu miidiyaa hawaasummaarraa akka dhaga’aniifi waamicha qaamoleen taasisanis eenyu akka ta’an akka hin beekne ibsaniiru.

Itti-waamamni isaa inni kan gaggeessuuf kan ta’e waldaan barsiisotaa kan barsiisota yunivarsiitii kan ta’e jiraahcuu kan eeran Dr. Yohaannis, gaaffileen barsiisonni kaasan qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatuuf dhiyeessee “deebiin argame jira” jedhan.

Barsiisonni momriin akka gaggeeffamuuf gaaffii dhiyeessan miindaan isaanii akka sirreeffamuufi faayidaawwan isaaniis qaala’insa jireenyaa amma jiruun yeroo ilaalamu jireenya rakkisaa taasiseera jedhu.

Mormii hojii dhaabuu gaggeessuudhaaf “dirqamuu” keenyaan dura qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatuuf dhiyeessineerra kan jedhan barsiisonni kunneen, gaaffiin isaan dhiyeessan deebii akka hin argatiin dubbatu.

Dr. Yohaannis garuu Isaan quubsuu dhiisuu danda’a, nuti garuu [gaaffiiwwan barsiisota yunivarsiitii] gaafachaa jirra,” jedhan.

Gaaffii barsiisonni yunvarsiitii qabna jedhan Adoolessa darbe gara dhumaa ministeera barnootaa, mana-maree bakka bu’oota ummataa, Komishinii Sivil Sarvisiif, akkasumas Waldaa Barsiisota Itoophiyaatiif xalayaa barreessan irratti gaaffiin isaanii deebii hin argatu taanaan mormii hojii dhaabuu akka gaggeessuu danda’an akeekkachiisanii turan.

Erga kun ta’ee ji’oota afuriin booda garuu jijjiiramni dhufe tokkollee hin jiru jedhan.

 Gaaffiiwwan barsiisotaa maalfaadha?  

Miindaafi guddina

Gaaffiin ijoo barsiisotaa qaala’insa jireenyaa biyyattii keessa jiru waliin kan gitu mootummaan mootummaan miinda akka foyyeessuuf kan dhiyeessanidha.

Ka’umsi gaaffii kanaa ammo waggoota sadiif duubatti kan deebiyudha. A L I Adoolessa 1, 2011 hojiirra ooluu kan jalqabe miindaa hojiifi sirreeffamni sadarkaa [Job Evakuation and Grading/JEG] barsiisonni yunvarsiitii fooyya’insa tokko malee bakka jiran akka turan taasifameera.

Kana jechuun ammoo dhaabbileen mootummaa Sivil Sarvisiitiin gaggeeffaman hundi yeroo hojiirra turan ilaalcha keessa galee miindaan yeroo kaffalamuuf, akkasumas gara cinaattis haalli itti guddatan carraa yoo qabaatan, yunivarsiitiiwwan keessatti garuu warra reefuu jaqabaniifi barsiisota waggoota baayyee hojjetan miindaatiin walqixa kan taasisudha.

Kun ammoo barsiisota biratti mufii uumuu isaa BBCtti himaniiru.

Komii dhiyaate kanaaf fala barbaaduudhaaf bara darbe Onkoloolessa keessa fooyya’insa sadarkaa hojii barsiisota yunivarsiitii (JEG) Waldaa Barsiisota Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen biro waliin qorachuun yaada furmaataa filannoowwan sadii qabu ministeera barnootaatiif dhiyeessaniiru.

Kun hojiirra yoo ooles gaaffiin barsiisotaa deebii akka argatu amantaan jedhu uumamee ture.

Haata’u malee, ministeerri barnootaa filannoowwan dhiyaatan kanaan ala kan ta’eefi “jijjiirama hangas mara” fooyya’insa jijjiirama hin findedha jedhan hojiirra oolchuu isaa maqaan isaanii akka hin eeramne barsiisonni gaafatan kunneen BBCtti dubbataniiru.

Pirezidantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa Dr. Yohaannis garuu sadarkaawwan 9 dhaabbileen barnootaa olaanoo keessa jiran keessa gargaaraa reefuu eebbifamuufi piroofeesara irraan kan hafe hunda irratti fooyya’insa taasisuun sadarkaa tokko akka ol siqu taasifameera jedhu.

Kun ammoo Waldaa inni gaggeessuun bu’aa dhufe akka ta’e kan ibsan Pirezidantichi, gitawwan hojii hafan lamaan irrattis fooyya’insi akka jiraatuuf gaaffii dhiyeessineerra jedhan.

“Isaan kan jedhan ‘kun nu hin quubsineedha‘. Eyyeen, kun isaan quubsuu dhiisuu danda’a. Haata’u malee, kun waan tokkodha. Filannoon jiru kana qabatanii gaaffii dhiyessuu itti fufuudha jenna nuti,“ jedhan.

Mormii hojii dhaabuutiif qoppoofneerra barsiisonni jedhan ammoo filannoowwan duraan dhiyaatan keessaa kann jalqabaa hojiirra haa oolu kann jedhudha.

Dhaabbileen barnoota olaanoo keessatti barsiisaan Digirii Maastersii qabu giddu-galeessaan miindaa harka gahu kuma 8 argata.

Filannoowwan barsiisotaan qorataman keessaa tokko barsiisonni yunivarsiitii waggaa tajaajila isaaniitiin miindaa akka argatan ykn gara cinaatti akka guddata taasisa kann jedhudha.

Dr. Yohaannis gara cinaatti guddachuu ilaalchisee gaaffiin ka’e hojiirra oolaa hin jiru yoo jedhan,“inni qaawwa tokkodha… gaaffiin isaa garuu karaarra jira,“ jedhaniiru.

„Barsiisaan yunivarsiitii miindaa dur qabateenidha hanga ammaa jiraachaa kann jiru. Amma jiraachuuf rakkachaa jira. Kanaaf, nuti amma gaafachaa kann jirru miindaan nuu haa kennamu kann jedhudha,“ jechuun barsiisonni akka maqaan isaanii hin eeramne gaafataniifi qindeessan keessaa tokko ta’e ni dubbatu.

 

Fayidaalee biroo

Qaala’iinsa jireenyaa biyyattii mudateen manni kiraa baay’ee dabalee jira. Gaaffilee barsiisonni kaasan keessaa tokko dhimma durgoo mana jireenyaati.

Barsiisan mastarsii dhaabbilee olaanoo keessa hojjatu tokko  durkoon mana kiraa kaffalamuuf birrii 500 yoo ta’u barsiisaa digrii sadaffaa qabuuf ammoo birrii 800 kennama.

“Yuunivarsiitiwwan kan hundaa’an naannawa magaalatti. Manni abbaa kutaa tokko yoo xiqqaate kiraan isaa birrii 2000” kan jedhuu fi maqaan isaa akka hin dhahamne kan gaafate barsiisan Yuunivarsiitiii Asoosaa, barsiisota hojii dhaabuf kan kakaase keessaa tokko kana akka ta’e dubbata.

Bakki mana jireenyaa itti ijaarratan gareedhan akka kennamuuf, yuunivarsiitota gidduutti jijjiirran barsiisotaa bilisaa akka jiraatu fi inshiuraansin fayyaa fi wabii jireenyaa akka eegamuuf kanneen jedhan gaaffilee isaan kaasaniidha.

Akkasumas maati fi ijoollen barsiisota yuunivarsiitii inshuraansii fayyaa akka argatan, ijoollen isaanii yuunivarsiitii gaafa seenan baasii qooddachuu (cost sharing) irraa bilisa akka ta’an ykn mootummaan akka kaffalu kan jedhus gaaffilee ka’an keessayi.

Akka barsiisonni kun jedhanitti mormii hojii dhaabuu murteessuu isaanii dura gaaffileen isaanii kun deebii akka argatuuf yeroo garaa garaatti waamicha dhiyeessaniiru.

Guraandhala 7, 2021 gaaffii isaanii yeroo sana kan ture Ministeera Saayinsii fi Barnootaa Olaanaa, Komishinii Sivil Sarvisii, Ministeera Maallaqaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Ministeera Galiiwwanii fi Biiroo Paartii Badhaadhinaatif galchinee turre kan jedhan qindeessan kun qaamolee kanneen hunda irraa deebii gaarii argatanii akka turan dubbatu.

“Haa ta’u malee waadaan nuuf galame waan harkifateef Caamsaa 30, 2022 bakka bu’oonni keenya gaaffii qabatanii gaafa dhaqan ji’a Adoolessaa bara 2022 irraa kaasee gaaffin keenya deebii akka argatu itti himamee ture,” jedhu.

Kuni osoo hin ta’in dura Ministeerri Barnootaa ji’a Waxabajjii keessa dhaabbilee barnoota olaanof sirreeffama sadarkaa hojii barsiisotaa fooyyessuu (JEG) taasisee ture.

Sirreeffamni taasifame kun fayidaa keenya nuuf hin kabachiisu jechuun ji’a darbe keessa qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf gaaffii dhiyeessanis “homtuu hin argamne” jedhu.

Kanarraa ka’uun torbee itti aanu mormii hojii dhaabuu gochuuf dirqamneerra kan jedhan barsiisonni kun, gaaffin isaanii deebii hin argatu taanan hiriira nagaa gaggeessufis karoora qabaachuu himan.

Gama biraan ammoo Waldaa Barsiisota Itoophiyaatti pirezidaantii kan ta’an Dr. Yohaannis mormiin hojii dhaabuu jedhame Waldaa Barsiisota Yuunivarsiitii isaan jala jiruuf ykn Waldaa Barsiisotaa biyyoolessaaf xalayaan barraa’uu qaba ture jedhu.

Mormii hojii dhaabuu ni taasifama jedhame waldichi akka hin beekne fi “haalli akkasii hojmaataf illee rakkoo uuma,” jedhan Dr. Yohaannis.

Ministeerri Barnootaa maal jedhe?

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa fi Teeknoolojii Sadaasa 28, 2022 gabaasa hojii kurmaana waggaa Ministeera Barnootaa dhaggeeffatee ture.

Walgahii kanarratti gaaffilee ka’an keessaa tokko ammoo dhimma barsiisota yuunivarsiititi. Deetaa Ministeera Dhaabbilee Barnoota Olaanoo kan ta’an Dr. Saamu’eel Kiflee waldaa barsiisotaa wajjin wal ta’uun hojjataa akka jiran ibsuun, “Gaaffilee ka’an dandeettii biyyaa fi uummataa yaada keessa galchuun toora tooran deebii akka argatu ni taasifna,” jedhan.

Dhaabbilee federaala jalatti bulaniif adeemsi hojii wal fakkaatan akka jiraatuf Madaalli fi Sadarkaan Hojii ((Job Evaluation and Grading/JEG) sadarkaalee 22 kan qabu ta’uu ibsuun 22ffaan piroofesaroota yuunivarsiitiif kennamee barsiisota dhaabbilee olaanof sadarkaalen baheera jedhan.

Haa ta’u malee hojmaanni kun muuxannoo barsiisotaa yaada keessa kan hin galchine waan ta’eef sadarkaa gargaaraa eebbifamaa fi piroofeesaraa irra jiraniin alatti sadarkaalee kaan irratti sivil sarvisii waliin mariyachuun jijjiirama akka taasisan himu.

Haa ta’u garuu guddina gara dalgaatti taasifamu irratti Dr. Saamu’eel homaa hin jenne.

Dirgoon mana jireenyaa barsiisotaa kan jijjiiramni irratti taasifame waggoota 10 dura ta’uu kan himan Dr. Saamu’eel akka fooyya’uuf gaaffii dhiyaate irratti mootummaan qoratee deebii akka itti kennu abdii akka qaban kaasan.

Gaaffileen barsiisotaa kaan garuu yeroo giddu galeessaa, yeroo dheeraa fi “dandeettin kaffaluu biyyattii” gaafa fooyya’u deebii akka argatu himan.

Gama biraan ammoo Ministirri Barnootaa Pirof. Birhaanuu Nagaa, “Yuunivarsiitonni seera fi iskeelii mindaa sivil sarvisiitin hanga hojjatanitti qarshii nuuf gaha jedhan argachuu hin danda’an” jechuun dhaabbileen barnootaa olaanon aangoo ofii isaanitiin buluu akka qaban dubbatan.

Qorannoo gaggeessine jedhaniin barsiisonni yuunivarsiitii dhibbeentan 30 “kan hin barbaachifnedha” jedhan Pirof. Biraanun.

Mootummaan mindaa kan dabalu yoo ta’e barsiisota qofaaf osoo hin taane hojjattoota sivil sarvisii hundaaf dabalamuu qaba, “kuni ammoo waan hin fakkaannedha” jedhan.