'Jaal Abdii Raggaasaa biyyaa osoo hin ba'in waanan arge akkan hin dubbanne na akeekkachiiseera' - Taammiraat Nagaraa

Gaazexeessaa Taammiraat Nagaaraa

Madda suuraa, TAMIRA

Waggoota hedduuf gaazexaa “Addis Negar” jedhuuf hojjachaa kan ture Taammiraat Nagaraa si’a lammaffaa jiruu baqaaf dirqamee jira.

Gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa fi hiriyoonni isaa bara Mallas Zeenaawwii MM ture dhiibbaa irra gahaa tureen biyyaa baqatanii jiraataa turan.

Haata’u garuu MM Abiy Ahmad gara aangotti dhufuu hordofee abdii horachuun namoota gara biyyaatti deebi’an keessaa tokko Taammiraat Nagaraati.

Biyya baqaan yeroo dheeraa keessa ture Ameerikaadhaa gara biyyaa erga galee booda waggoota afran darbaniif miidiyaa irratti qeeqaafi [arrabsoo] ciccimaa dhiyeessaa ture. Boodarra ammoo chanaalii Yutuubii mataa isaa “Tarara Media Network” jedhu banuun oduu fi xinxaala fi qeeqa adda addaa dhiyeessaa ture.

Bara darbe ji’a Muddee keessa humnoota nageenyan mana isaatii fuudhamee ji’a afuriif erga hidhamee booda wabiin bahe.

Erga mana hidhaatii bahee ji‘ootaf osoo sagalee isaa hin dhageessiin turee torbee darbe keessa haadha manaa isaa waliin biyyaa bahee si’a lammaffaa jireenya baqaaf dirqamee jira.

BBC: Biyyaa baqachuu kee torbee darbe dhageenye. Dhugumatti jireenya baqaa filatteettaa? Maaliif?

Taammiraat Nagaraa: Oduun waa’ee baqachuu koo himan dhugaadhuma. Sababoonnin ani akkan baqadhuuf na dirqisiisan ifaadha. Haallin ani itti hidhame, ergan hidhamee bahee gara ogummaa gaazexeessummaatti deebi’uuf wantoonni na barbachisan hin guutamne. Inumayyuu balaan dabalaa deeme.

Yeron hidhamu poolisiin Oromiyaa meeshaalee istudiyoo 32 ol kan jalaa fuudhate naaf hin deebisne. Qabeenya koo qofa osoo hin taane kan hojjattota “Tarara Media Network” illee keesatti argama.

Haati warraa koo Salaam Balaay abbaa alangaa, mana murtii, komishinii poolisii bira deemun, “Qabeenya keenyaa nuuf deebistuu?” kan jedhu iyyataanillee gaafatteetti. Deebiin kenname garuu, “Isin hin gahuu amma? Ammayyuu hojiitti deebi’uu barbaadduu?” kan jedhu sodaachisuun ana bira darbeetuu haadha manaa koo, maati koo fi hojjattoota irrratti waan raawwateef baqachuudhaf diqame.

Sodaachisni dabalaa deemuun lafa gaddaa, cidhaa ykn alattillee yoon argame “maalif ija kee argina” kan jedhu humnoota tikaa fi poolisiirraa waan natti hammaachaa dhufeef biyya keessa taa’uun yaaddoo ta’aa dhufe.

Ana qofa osoo hin taane gidiraafi hidhaan gaazexeessitoota biroo, walumaa galatti ukkaamsaan miidiyaa irratti taasifamu hammaataa dhufuu irraa kan ka’e kana booda Itoophiyaa keessa taa’anii hojii miidiyaa hojjachuun akka hin danda’amnetu natti dhagahame. Nagaan jiraachuufi hojii miidiyaas itti fufuuf biyya bahuun dirqama natti ta’e.

Yeroon hidhamee turettiifi ergan bahees mana murtiitti dadhabbiin haadha warraa koo Salaam Balaay guddaadha. Gaheen ishee kan namoonni baay’en beekanii oliidha.

BBC: To’annoo jala erga oolten booda bakka ati jirtu beekuufi mana murtiitti hanga dhiyaattutti guyyoota 7 fudhate. Eessa geeffamtee turte? Guyyoota sana akkamitti dabarsite?

Taammiraat Nagaraa: Ergan to’annoo jala oolen booda guyyoota 7 mana murtiitti hin dhiyaanne. Maatinis eessa akkan jiru baruu hin dandeenye. Yeroo sana gara Galaan geeffameen kaampii leenjii Humna Addaa Poolisii Oromiyaa keessan ture. Kaampii ta’uu isaa kanan bare yuunifoormii poolisoota to’annoo jala na oolchanii arguudhani.

Kaampin kun bakka mootummaan Itoophiyaas ta’e Humni Addaa Oromiyaa itti nama dararaniifi nama ajjeessanidha. Guyyoota torbaaf qophaa koo hidhamtoota biroo wajjin bakkan wal arguu hin dandeenye kutaa tokko keessan ture. Yeroo sana namoota anaaf iyyaa dhiibbaa gochaa turan hundumaa maqaa Waaqayyoon galateeffachuun barbaada. Osoo dhiibban sun hin jiraanne ta’ee tarii lubbuudhanuu hin jiraadhun ta’a.

BBC: Erga hiikamteen booda callisuu filatte. Maaliif? Maaliif gara miidiyaatti hin deebine?

Taammiraat Nagaraa: Kanin calliseef sababa heddun qaba. Inni jalqabaa, akkuman hiikameen dubbachuu kanan qabu wantota heddutu ture. Keessumaa mana hidhaa keessatti namootan ilaalcha siyaasaas ta’e heera mootummaa Itoophiyaa irratti walii hin galle heddu wajjin wal argeera.

Haata’u garuu, namoonni kun cimsanii waanti isaan dubbatan mana hidhaa kana keessatti waanta argite Itoophiyaa keessa teessee akka hin dubbanne naan jedhan.

Keessumaa Jaal Abdii Raggaasaa bulchiinsa Abiy Ahmadiin nama badiifi gidiraa guddaan irra gaheedha jedheen yaada; dhuunfanis ta’ee maatii isaarra jechuudha. Waanti inni cimsee na akeekkachiise, “Osoo Itoophiyaadhaa hin bahiin waanta sitti himnus ta’e waanta argite akka hin dubbanne,” naan jedhe.

Lammaffaan, mootummaan Itoophiyaa keessumaa Godiina Addaa Naannawa Finfinnee keessatti manneen hidhaa dukkanaa lafa jalaa keessatti waanin arge osoon hin dubbatin gara hojii miidiyaatti deebi’uu hin danda’u.

Akka gaazexeessattis ta’ee akka lammii Itoiophiyaa tokkootti kana osoon hin dubbatin hojii miidiyaa itti fufuu hin danda’u. Kana guyyaan itti dubbadhu ni dhufa. Odeeffannoo heddun harkaa qaba. Kana yeroo dhiyoottan ifa godha.

Kana akkan hin dubbanne kan na godhe gorsa Jaal Abdii Raggaasaa fa’aa fi maatinis jiru. Sadaffaan, haalli dhugaa amma Itoophiyaa keessa jiru miidiyaaf mijataa miti. Dhugaa dubbachuuf ammoo bakka dhugaa itti dubbachuun mijataa ta’etti ta’uu qaba. Ammatti Itoophiyaan bakka dhugaa dubbachuun itti danda’amu natti hin fakkaattu. Haalonni yoo jijjiiraman jedhee ji’a 7 tureera. Haalli jiru garuu ittuma hammaataa deeme.

BBC: Mee biyya baqaan keessa turte Ameerikaatii yeroo deebitutti abdii qabattee dhufteefi amma yeroo deebitee baqattutti miira sitti dhagahame walbira qabii natti himi.

Taammiraat Nagaraa: Waggaa afran har’aa yeroon jireenya baqaarraa deebiyee dhufe ana qofaa hin turre baayyeen keenya abdii qabna ture.

Amma wanti abdii nama kutachiisu jira. Kanan abdii kutadhes mootummaafi bulchiinsa amma jirurraati malee Itoophiyaarratti miti. Sirnichi kan abdii irraa kutatanidha. Haata’u malee, Itoophiyaarraa abdii hin kutadhu.

Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti hojii miidiyaa hojjechuun rakkisaadha. Miidiyaan gama tokkoon daldaladha. Haata’u malee, yeroo ammaa kana daldalli kamiyyu sochoosuudhaaf Heerri Mootummaa jiru, sanyummaan mul’achaa jiru hojjechuuf waan danda’amu fakkaatee natti hin mullatu.

Kanaaf, wagga afur dura kan ture walin yeroo ilaalamu wanti amma jiru abdii nama kutachiisa, abdii kan kutannu garuu warra bulchanirraati malee Itoophiyaarratti miti.

BBC: Kanaan booda gara hojii miidiyaatti ni deebitaa?

Taammiraat Nagaraa: Hojiin miidiyaa keessa koo waan jiruuf eessayyu yoon deeme, afaan kamiyyu dubbadhu na keessaa hin bahu. Itti deebiyuu qofa osoo hin taane ‘Tarara Media Network’ sagalee Itoophiyanummaa ta’ee itti fufa.

BBC: Turtii kee keessatti waan raawwatte keessaa gochuun narra hin turre kan jettuufi osoon hin raawwatin hafeera kan jettu maal?

Taammiraat Nagaraa: Hidhamuu koon guyyaa tokko dura  ijoollee haaraa eebbifaman sadii qacarree xumurree turre. Adeemsa guutuu xumurree ture. Gaazexeessummaa dijitaalaa bifa haaraatiin jalqabuuf fedheen ture. Meeshaaleen istuudiyoo gargaarsaan bitaman harka mootummaa galeera.

BBC: Gara Itoophiyaatti yooman deebiya jettee yaadda? Itoophiyaan akkam taatee akka si eegdu barbaadda?

Taammiraat Nagaraa: Gara Itoophiyaatti deebiyuu nan danda’a, yoo haalli jijjiirame. Wanti guddaan na yaachisu garuu deebiyuufi deebiyuu dhiisuu koo miti. Itoophiyaan warra biyyas ta’e ala jiraniif biyya taatu gochuuf haala jijjiiruudha. Kana akkamiin gochuun danda’ama kan jedhuti na yaachisa. Kun ammoo gaaffii koo qofa osoo hin taane gaaffii Itoophiyaanota hundaati.

 Kanarratti gaheen qabu biyya alaas ta’ee nan gumaacha jedheen amana. Hanga Itoophiyaa barbaadnu arginutti hin dhaabnu. Itoophiyaan amma jirtu eenyuufiyyu kan taatu miti.

Yeroo hunda akkuman jedhu warri Israa’el Israa’el diigamtee waggoota kuma lamaan booda deebisanii ijaaraniiru. Itoophiyaan balaa diigamuu jala akka jirtu hundi keenya ni beekna.

Warri Itoophiyaa dhaabuu barbaadnu yoo dandeenye labata keenya keessatti ni dhaabna; yoo dadhabne ammoo jechaan dhaabnee jechi sun bor waggoota kumaan boodas ta’u kan Itoophiyaa deebisee ijaaru akka ta’u gochuurratti dirqama qabnan jedha.

BBC: Hundeeffama ISEPA dhiyeenya kanaan walqabatee maqaan kee irra deddeebiin ka’ee ture, kana ilaalchisuun deebii akkamii qabda?

Taammiraat Nagaraa: Maqaan koo hundeeffama ISEPA waliin ka‘uun isaa anaafiyyu oduudha. Wantan beeku hin qabu. Ani miseensas, deggeraa ISEPAs miti.

Yeroosaatti garuu kana waakkachuun waan hin barbaachifneef hin waakkanne.  Dabalataan garuu paartii siyaasaa kam waliiniyyu hariiroo qabaachuu hin barbaadu.

Bara dargaggummaa koo Qindoomina keessatti hirmaadheera, filatameen ture. Paartii siyaasaa hudeeffama isaarraa kaasee itti dhiyeenyaan argeera. Hoggantoota Qindoomina diiganis ta’e itti-fufsiisuuf carraaqan waliinis itti dhiyeenyaan hojjedhee hojmaatni paartii siyaasaa Itoophiyaa keessatti maal akka ta’e argeera.

Ani paartiin siyaasaa Itoophiyaa ni fayyisa jedhee amantaa hin qabu, Kanaafidha kanan gara hojii miidiyaatti seeneefis.