Karchallee Amboo hanga Galma Barkumee - Walleefi qabsoon Haacaaluu Hundeessaa yeroo yaadatamu

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa bara Waxabajji 29, 2020 Wiixata galgala sa'a 3:30 irratti magaalaa Finfinnee naannoo kondomiiniyamii Galaanitti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Battala rukutametti gara hospitaala Xirunesh Beejing geeffamus lubbuu isaa baraaruun hin danda'amne.

Owwaalchi isaa torbanuma sana keessa gaafa Kamisaa magaalaa Ambootti raawwateera.

Ijoollummaa

Muuziqaan hiree ganamaa uumaa irraa kennamteef akka ta'e amana Haacaaluu Hundeessaa.

Onkoloolessa bara 2017 sirba qeenxee 'Jirra' jedhu uummata biraan gahuun duuba turtii BBC waliin taasisee tureen, ''ijoollummaakooti kaasee afaan gabii nan qabu, inuman sirba,'' jedha.

Bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti jabbileefi loon tiksee guddachuun isaa kennaa isaa akka cimsatu isa gargaareera.

Weellisaa Daawitee Makonnin akka dinqisiifatu kan himu Haacaaluun, naannoo manneen barnootaafi gumiiwwan keessatti sirbuu itti fufe.

Abbaan isaa obbo Hundeessaa Boonsaa kana hin jaalanne. Haati isaa Addee Guddattuu Horaa garuu gammadoo turan.

''Abbaan koo doktarummaa fi pirofeesarummaa kana jaalata. Sirbituun mana hin godhattu alalee taati,'' jechuun akka inni hin sirbine didaa ture jedha.

Hidhaan Qoraasuma Dhiiraati

Umurii waggaa 17'n, A.L.I bara 1995 hanga 2000'tti karchallee Amboo keessatti waggaa shan hidhamee bahe.

''Akka barataa Oromoo tokkotti waanuma barataa Oromoorra gahuutu narra dhaqqabe. Kan biraa wanti haaraa hin jiru'' jedha maaliif akka hidhamee ture yoo ibsu.

Karchallee Amboon alatti Finfinnee dhufees torban tokko Ma'ikalaawii ture. Yeroo kana mara garuu abbaan isaa gaafa dubbisuu dhufan, ''Jabaadhu gurbaa, hidhaan qoraasuma dhiiraati!'' jedhuun ture.

Sirbuu isaa jibbanis ijoollummaan hidhaatti hamileen isaa caba jedhanii sodaatani.

Manni hidhaa garuu waan abbaan isaa isarratti jibban akka guddifatu isa gargaare. Hacaaluun mana hidhaatti ogeessa muuziqaa ta'e.

''Isa dura ani sagaleedhaan weellisuu malee walaloo fi yeedaloo barreessuu hin beeku ture" jedha. "Kanan bare mana hidhaa sana keessatti."

Albama jalqabaa keessaa sirboota sagal achittin fixee bahe. Walaloos yeedaloos barreessee.'' jedha.

Manni hidhaa Amboo Haacaaluuf mana barumsaa ture. Namoota gurguddaarraa akka galaa galaafate yaada qaba. Akka abbaan jedhanis qoraafameera.

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

''Hamma tokko bilchaadhe akkan bahu na godhe. Waan hunda of-eggannoodhaan akkan raawwadhu na taasise.''

Abbaan isaa sirbituu ta'uu isaatti hin gammadne gaafa inni sirba weellisaa hangafaa Wasanuu Diidoo, Jabbilootakoo, gaafa sirbe guddaa gammadani. Ilma abbaa caaletti fudhatani.

''Guddattuu, Ilmikee reefu sirbite!'' jechuu isaanii harmee isaarraa dhagaheera.

Maalan Jira? Jirra!

Artiistota Oromoo hedduuf walleen waan weellisanii biraa galan miti, aarsaa qaba. Yeroo dheeraa eegalee kan ture. Egaa Hacaaluun kanatti dabalame.

Sagaleen isaa qarree keessa hin turre. Dafee gurra uummataa seene. Kanaafimmoo ergaa fi hiikni walleen dabarsu akka jaalatamuuf guddaa gumaatuu mala.

Maqaa isaatiin albamii lama qaba; 'Sanyii Mootii' fi 'Waa'ee Keenya'. Ergasii booda garuu sirba qeenxeerratti xiyyeeffate. Guddaas milkaa'eera.

Sirbi qeenxee isaa Maalan jiraa, bara 2015 viidiyoo muuziqaa bareedaan dabaalamee bahe har'allee akka sirba seena qabeessaatti ilaalama. Dhaggeeffatamees hin quufamu.

Sirbi qeenxee biroo mata duree 'Jirra' jedhuun bara 2017 gadi dhiifames Haacaaluuf gurra guddaa horeefi.

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Tesfaye Afewerk

Ibsa waa'ee suuraa, Weellisaa Hacaaluu Hundeessaan mata dureewwan qalbii ummataa qaban wellisuun gurra horate

Muuziqaan isaaf maali?

''Muuziqaan anaaf jireenya kooti. Firan itti horadhes, diinan itti horadhes. Muuziqaan ana keessa koo jira. Akkaataa jiruufi jireenya saba kiyyaa kanan itti ibsu, quuqama garaa kiyyaa kanan itti baasu. Muuziqaan waan hunduma kiyyaa anaaf.''

Aartiin daawwitii uummataati. Gaafa aartiin waan uummata quuqe as baase, uummannis hagasuma deebisa. 'Maalan Jiraa' yeroo Hacaaluun gadhiisu hagana jaalatama jedhee hin tilmaamne ture.

''Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse. Uummanni battalatti galeeraaf. Kaanis gaafatee galeef. Kanammoo uummanni baruun anaaf gammachuudha.''

Namoonni hedduun kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye dabalatee Hacaaluu weellisaa siyaasaatti fudhatu. Innis kana quba qaba. Ta'us, itti hin dhimmu.

''Ani nama siyaasaa miti. Artistii Oromooti. Jiruufi jireenya hawaasaa walleetiin xiinxaluun nama siyaasaa hin taasisu. Yoo jedhanis immoo hin jibbu. Ishoo jedheen jalaa qaba.''

Galma Barkumee - 'Araat kiiloof situ aane'

Galmi bar-kumee iddoo Haacaaluun seenaa biraa itti galmeesse.

Mudde bara 2017 konsartii namoota naannoo Somaaleerraa buqqa'aniif galii walitti qabuuf magaalaa Finfinnee galma bar-kumeetti qophaa'erratti bakka aanga'oonni olaanoo gurguddoo jiraniitti 'araat kiiloof situ aane' jechuun kallattii qabsoo akeeka.

Waltajjiin sun kallattin TV irratti tamsa'aa ture. Sana hordofuun humnoota nageenyaa mootummaan barbaadamee akka tureefi miliquu dhiyeenya dubbatee ture.

Irra deebiin Adoolessa bara 2018 sagantaa simanna pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiif galma barkumeetti qophaa'erratti sodaa tokko malee roorroo sabasaarra gahaa ture bulgaafate.

'Nurraa dhoowwi yaa Lammaa, nurraa dhoowwi yaa Abiy, nurraa dhoowwaa yaa biyyaa yookan Qeerroottan iyya' jechuun ajjeechaa Harargee, Mi'eessootti yeroos raawwate balaaleffate.

Waltajjiiwwan bar-kumee lamaan kutannaa fi sodaa-maleessa ta'uu Haacaaluu Hundeessaa kan ragaa bahan turan.

Dinqisiifannaafi jaalala guddaas uummata biraa ittiin argateera.

Erga MM Abiy aangootti dhufanii as deeggaraa mootummaa ta'ee qabsoo gate jedhamee komatamaa kan ture Haacaaluun dhiyeenya miidiyaatti as bahee deebii kennee ture.

"Ani Oromoof qaaliidha, mootummaan na bituu hin danda'u" jedhee ture.

''Eenyutu Waddeessa eenyutu Jaldeessa?"

Konsartii fi hojii muuziqaaf irra deddeebiin biyya bakkee deemaa kan ture Haacaaluu Hundeessaa maaliif biyya ambaatti akka hin hafne gaafatamee akkas jedhe.

''Ani biyya abbaakoottin deebi'e, ajjeesee biyyaa hin baane. Akka artiistii tokkotti waan natti dhagahamen sirbe. Gara fuuladuraattis nan sirba. Biyyaa baqachuun dhaloota kanarratti dhaabachuu qaba.''

''Kanarrammoo eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessa? Eenyu waddeessa ta'e ari'a, eenyu Jaldeessa ta'e baqata jedhu ijoolleen Waddeessaa ennaa xiiqeffatan," jedha.

Warri sirna darbeef dibbee dhahaniyyuu biyya keessa jiraatu keenya addatti maali? Kana uummanni keenya baruu qaba.''

Wellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Namni ganna 34 weellisaa Haacaaluun sirba qofaa miti jaalalas ijoollummaatti eegale. Amma bultii horateera. Haati warraa isaa Faantuu Damissoo Diroo ogeettii fayyaati.

Ijoollee dubaraa lama Wabii Haacaaluu fi Milkii Haacaaluu jedhaman waliin horataniiru. Sirbi isaa ''Olmaan kee ulfaatee'' jedhu haadha warraa isaaf akka wallise BBC'tti himee ture.

''Erga bultiin walitti dhufnee waggaa torba. Erga jaalalaan walitti dhufne garuu waggaa 15 oli. Ayyaana isheetiin naa milkaa'a. Baay'een ishii jaaladha," jedha.