Adda Bilisummaa Oromoo: 'Naannoo mana jireenyaa Daawud Ibsaa humni hidhate buufatee jira'

Hayyuu duree ABO Daawud Ibsaa

Madda suuraa, Getty Images

Naannoon mana jireenyaa hayyu duree Adda Bilisummaa Oromoo Daawuud Ibsaa, poolisii federaalaatiin marfamee akka jiru Itti gaafatamaan waajjira hayyu duree ABO Gadaa Oljiraa BBCtti himan.

''Humni hidhate - poolisii federaalaa buufatee jira. Seenuufi bahuun dhoorkaadha. Yoo bahellee ni to'atama,'' jechuun isaanis guyyaa sadiin dura guyyaa tokkoof to'atamanii akka gadhiifaman dubbatu.

''Hayyu dureen to'annaa poolisii jala jiru. Socho'anii hojiisaanii idilee hojjechaa hinjiran,'' kan jedhan Obbo Gadaan, maatiin isaanis bahuufi galuu dhorkameera jedhu.

Bilbilli Obbo Daawudis guyyaa sadiin dura hojjechuu akka dhaabees nutti himan.

Sababa poolisiin achi buufatee jiru waajjirri isaanii quba qabaachuu kan gaafanne obbo Gadaan, ''Poolisoota achuma jiran irraa akka odeeffanneetti, "nageenya keessan eeguudhaaf jedhameetu, nuun jedhan jalqaba,'' kan jedhan itti gaafatamaan kun, ''namni bahee akka hin hojjenne dhorkuun nageenya eeguu hin fakkaatu,'' jedhu.

Qunnamtiin bilbilaas irraa waan citeef odeeffannoo dabalataa argachuu hin dandeenye jedhu. ''Bilbilaan dubbisnee maalirra jirtu jechuu hin dandeenyu. Kan bahees ol galuu hin danda'u. Haala rakkisaa keessa jiru,'' jedhan.

Dubbi himaan Komishinii Poolisii Federaalaa Jeeylaan Abdii waa'ee dhimma kanaa haga yoonaatti odeeffannoo tokkoollee akka hinqabne BBCtti himaniiru.

Dhimma 'walga'ii waamamee'...

Gama kaaniin ibsa dhaabichi fuula Facebook isaa gubbaa baaseen ''Walga'ii atattamaa kan Gumii Sabaa qaamni waame jira jedhamuu dhaga'aa jirra,'' jechuun ''hoggansii walga'ii waamuuf aangoo seeraa qabu waamame kan hin jirree ta'uu asumaan isiin hubachiifna" jedhaniiru.

Dhimma kanarratti kan gaafanne Obbo Gadaan ''qaamni walgahii godhanna jedhe tureera. Bakka hayyu dureen dhaabichaa to'annaa jala jiranitti, walgahiin gaggeeffamu kamuu sirrii miti jennee amanna,'' jedhaniiru.

''Akka itti gaafatamaa waajjiraatti adeemsi kun sirrii miti jedheen yaada.''

Ajjeechaa Haaacaaluu Hundeessaa hordofuun qondaaltonni olaanoo dhaabichaa to'annoo jala oolanis bakki isaan itti hidhamanii jiran dhaabichi haga ammaa akka hinbeeknes qondaalli kun ni dubbatu.

''Abukaatoon silaa dhaabbatee ittisa gochuuf bakki isaan itti hidhaman hin beekamu, dhimmi isaan ittiin himatamanis hin beekamne,'' jechuun waliigaltti haala jarri keessa jiran akka hin beekamnes dubbatu.

Amnesty International gabaasa torban dabre keessa baaseen qondaaltonni dhaabichaaa kanneen akka Mikaa'el Booran, Shigguux Galataa, Lammii Beenyaa, Kennasaa Ayyaanaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fa'i guyyoota garagaraatti qabamuun eessa akka jiran hin beekamu jedhan.

Abukaatonni jaraa Aminastii Intarnaashinaalitti akka himanitti, Komishinoota poolisii Federaalaa, Finfinneefi Oromiyaa gaafatanis, jarreen kana to'annoo jala oolchuu haalaniiru.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo kan biraa- Abdii Raggaasaa ammoo ji'ootaan dura hidhame, eessa akka jiru akka hinbeekne abukaatoon isaa himaniiru.