Biqilaafi Lalisaa: Yunivarsitiin Wallaggaa dargaggoota 'xiyyaara Oromiyaa' balaliisuu yaalanif deeggarsa nu godhe

Biqilaa fi Lalisaa

Madda suuraa, Hasan Yusuf/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Biqilaa fi Lalisaa

Lixa Oromiyaa Aanaa Sibuu Sireetti dargaggoonni obbolaa ta'an lama xiyyaara tolchanii balaliisuuf yaaluun isaanii dubbii ijoo midiyaa hawaasummaa tahee ture.

Obbolaan kun Biqilaafi Lalisaa Daani’el jedhaman dargaggoota waggaa 18 fi 19 yoo tahan maqaa xiyyaara hojjatan kana ''Oromiyaa'' jedhanii moggaasaniiru.

Maqaa xiyyaarichaa wayita BBCtti dubbatan: ''Oromiyaan fuulduratti aviyeeshiinii balalii ofii akka qabaattu mul’ata keenyas,'' jedhaniiru.

Jimaataa darbe immoo Yunivarsiitiin Wallaggaa hojii kalaqaa isaanii kanaaf beekamtii kenneeraafi. Badhaasa hojii isaanii kana jajjbessullee nuu gumaacheera jechuun BBCtti himaniiru.

Lammiin keenyi hojii keenya miidiyaa hawaasaa irratti qoodee akkuma nu jajjabeessaa ture yunivarsiitiin Wallaggaas akkasuma mooraa isaatti nu waamee nu badhaase jedha Lalisaan.

Guyyaa Jimaataa 22/05/2021 ‘’yunivarsitichi hanga mana keenyaatti konkolaataa ergee maatii keenyaa waliin gara mooraatti nu fudhatee bakka hojjettoonni yunivarsitichaa argamanitti ‘’Laptop hp tokko tokko harka pirezidantii Yunivarsiitii Wallaggaa Dr Hasan Yusuuf irraa fudhanneerra,’’ jedhan.

Biqilaafi Lalisaan ‘’mul’ata aviyeeshinii Oromiyaa dhaabuu qabna akkamiin nu deeggartu jennee pireezidantii Yunivarsiitii Wallagaa gaafannee turre.

''Isaaniis kuni yaada biyyaafi addunyaaf faayidaa guddaa qabu dha jechuun namoonni dhuunfaafi dhaabbileen illee akka nu deeggaruu qaban dubbatani,’’ jedhu.

Kana malees, Yunivarsiitiin Wallaggaa meeshaadhaan akka nu deeggaru, wiirtuun yaalii (workshop) yunivarsitichaa illee yeroo mara nuuf banaa akka tahe nutti himanii jedhan.

Dabalataanis, Bishooftuu Automative Indaastirii, METEK fi Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa illee baasii yunivarsitichaan akka daawwannu waadaa nu seenaniiru jedha Lalisaan.

Yunivarsiitiiwwan biyya hambaa jiran waliinis hidhata uumuun muuxannoo akka fudhannuufi meeshaalee kalaqoota keenyaaf tahan akka argannuuf haala akka mijeessan nutti himaniiru jedhu obboleewwan.

Waan isaaniif godhame hundaan akka gammadan himanii, ‘’nuti har’a badhaafamne otoo hin taane uummanni Oromoo yaada keenya simatee qooduun yeroo nu jajjabeessaa turan badhaafamne,’’ jedhan.

‘’Qabatamaan akkasitti deeggarsa yeroo argannu immoo jecha nu dhabsiisee,’’ jedhan.

kalaqa obbolaa lamaanii

Madda suuraa, Bikila Daniel

Lalisaa fi Biqilaan piroojektiin amma of harkaa qaban rookeetii akka tahe dubbatanii dhiyootti yaalii yeroo xumuran uummataaf akka ifa baasan dubbataniiru.

Barattoonni kunneen mul’ata isaanii ‘aviyeeshinii Oromiyaa’ dhaabuu irratti namni biyya keessaas alas akka isaan deeggaru gaafataniiru.

Pireezidantiin Yunivarsiitii Wallaggaa Dr Hasan Yuusuf, ‘’Biyyaa fi yunivarsiitiin keenyi dargaggoota qaroo abjuu qaban, hojii kalqtoota, injinarootaafi ogeessota teekinolojii guddisuufi deeggaruu feeti,’’ jechuun fuula Feesbuukii isaaniirratti katabaniiru.

Dargaggoota kana waajira isaaniitti waamanii keessummeessuu fi waa’ee mul’ata isaanii marii dadammaqsu taasisuun akka ‘isaaniin boonan illee,’’ himaniiru.

Xiyyaarri isaan hojjatan kan akkamiiti?

Xiyyaarri obboleewwan kun hojjatan ol dheerina meetira 2 kan qabuufi dalga lafarra meetira 4.5 dheerata. Iddoo nama lama teessisu danda’u qaba jedhan.

Dheerinni koochoo xiyyaarichaa waliigalaa - fiixaa bitaa haga mirgaatti meetira 7 dheerata.

Akka Biqilaafi Lalisaan jedhanitti, waggoota sadan darban hojiisaarratti dabarsaniiru.

Guyyoota muraasan dura yaalii balalii wayita gaggeessan ‘’injinii dulloomaa waan ta’eef lafarraa ka’ee hin balaliine,'' jedhan.

Wayita yaalii gaggeessan namoonni kaan akka jajjabeessan, kaan isaanimoo akka miidhaan irra hin geenye akka yaadda’aniif kaasan.

Biqilaafi Lalisaan xiyyaara ofisaanii hojjachuun hawwiin daa’imummaasaanitii jalqabe ta’uu BBCtti himan.

Modeela xiyyaaraa guddaa otoo hin hojjatiin durammoo ‘’xiyyaaroota xixiqqaa qilleensarra balali’an hojjanneerra’’ jedhan.

‘’Daa’imummaatti xiyyaara xixiqqoo yeroo hojjannu, haati keenya nu jajjabeessiti ture, meeshaa xixiqqaa itti hojjannu nuu bitti.

Har’a sammuun keenya bichaataa, sadarkaan barnoota keenyaa guddataa yeroo dhufu hojjachuu dandeenya jennee kaane,’’ jedhan.

Maaliirraa hojjatame?

Xiyyaarri Biqilaafi Lalisaa hojjatan waantootuma naannoo isaaniitti argamanirraati.

Biqilaafi Lalisaan motora doqdoqqee, muka waddeessaa, gommaa xiyyaara dulloomaa deeggarsaan namoota biraarraa argatan, akkasumas foo'aa keessoo xiyyaarichaa baajaajii keessaa gargaaramuun hojjataniiru.

Obbolaa lamaan Biqilaa fi Lalisaa

Madda suuraa, Bikila Daniel

Kana malees, qorqoorroo aluuniyeemii, ispoonjii, teessoo xiyyaaraa dulloomaa gatii rakasaan 4 bitachuun xiyyaara ofiisaanii ittiiin hojjachuuf itti gargaaramaniiru.

‘’Ispoonjiin qorqoorroofi sibiilli akka wal rigee sagalee hin qabaanneef qaama xiyyaarichaa keessa diriirsinneerra,'' jedhani.

Waddeessi cimaafi muka salphaa waan ta’eef muka kana ogeessa soofsifne itti gargaaramne jedhan.