Maanguddoon Oromoo tibbana boqotan Haji Hasan Gammadaa eenyu?

Haji Hasan Gammadaa

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa

Wiixata halkan Sa'atii 10 irratti kan boqotan maanguddoon Oromoo Haji Hasan Gammadaa, sirni awwaalcha isaanii bakka namoonni bebbeekamoon argamanitti Kibxata darbe, Bitootessa 22, 2022, raawwate.

Ijoolleesaan horatan keessaa afraffaarra kan jiran Obbo Kamaal Haji Hasan, uummanni hedduun Oromiyaa fi Itoophiyyaarra biyyoota akka Afrikaa Kibbaa, Sudaan, Jamaayikaa, Somaaliyaa fi kaan irraa sirna awwaalchaa isaanii irratti argamuun kabajaa fi jaalala qabuuf ibseera jedhan.

Akkasaan jedhanitti abbaan isaanii Haji Hasan erga dhukkubsachuu eegalanii waggaa torba kan caalu yoo ta'u, dhiyeenya kana dhibee onnee fi sombaa itti hammaateen akkasumas umriin isaaniis waan jaaree jiruuf irraa hafuu dadhabanii gara fuula rabbii deeman.

Jireenya ijoollummaa...

Haji Hasan ijoollummaadhuma isaaniin jaalala abbaa qabu kan jedhan ilmisaanii kun, erga of baraniis barnoota amantii Islaamaa fi qabsoo Oromootti guddatan jechuun jiruu ijoollummaasaanii ibsan.

Obbo Kamaal bara abbaansaanii Haji Hasan itti dhalatan sirriitti beekuu baatanis, wayita lubbuun jiranitti garuu umuriin isaanii waggaa 130 akka ta'e natti himaniiru jedhan.

''Yeroosaan jiran gaafannaan 130 naan jedhan. Umriinsaaniis waan deemeef tarii dogoggoruu danda'u jedhee, bara Lij Iyyaasuun mootii ta'e waggaa meeqa taatu jedheen gaafadhe. Jabbilee tiksaan ture naan jedhan. Haala kanaan bara sana nama waggaa 12-14 ta'u.''

Haji Hasan Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Ganda Baddanaa Roobiitti dhalatanis imala qabsoo fi barnootaan walqabatee garuu bakkeewwan garaagaraa jiraataniiru.

Barnoota amantii Islaamaa Jimmaa, Baalee, Walloo, Harargeetti baratan. Booda ammoo barnoota dabalataaf bara 1954 gara Sa'uudii Arabiyaa imaluun Makkaa fi Madiinaatti waggaa torba baratan,'' jedhan Obbo Kamaal.

Bara 1963 wayita biyyatti deebi'anis kitaaba amantii heddumminaan qabatanii deebi'uun hawaasa barsiisuu eegalan kan jedhan Obbo Kamaal waggoota jaatamaaf barsiisaniiru jedhan.

Garuu amantii barsiisuu qofa osoo hin taane mirga sabaallee akka kabajamuuf qabsoo Oromoo cimsuu eegalan dubbatu Obbo Kamaal.

''Ani of beekee jennaan qabsooma keessattin isaan arge. Duree amantii ta'uun hawaasa keessatti waan beekamaniif wayita isaan alaa deebi'an ganda yeroo sana Hayiqoochinnaa Buttaajiraa jedhamuun waamamutti bulchaa godhatee hawaasi filate. Achirraa gara aanaatti, booda ammoo gara 'Awuraajjaatti' guddatan. Achumarraa qabsoo sabaa itti fufan.''

Bulchiinsa bara sana tureen wayita cunqursaan itti hammaatu baqatanii bara 1969 keessa Somaaliyaa seenan jedhan.

''Bara sana keessa qabsoon Oromoo akkaan finiinaa ture. Gama Baaleen Waaqoo Guutuu, Haji Adam Saadoo, Aliyyii Cirrii fi kaan qabsoo hidhannootti turan. Haji Hasan ammoo Somaaleerraa namoota kunneen quunnamuun of faana hiriirsanii hanga ji'a sadii leenjisanii qabsootti seenan,'' jechuun waan abbaasaaniirraa dhagahan himan.

Achitti Haji Adam Saadoofaa waliin waa'ee Waldaa Maccaa-Tuulamaallee dubbataa akka turan kan himan Obbo Kamaal, ''Haji Hasan garuu xiyyeeffannaan isaanii qawwee qabatanii loluu ture malee waa'ee jaarmiyaa hagas mara hin liqimfamuuf ture,'' jedhan.

Wayita bosona galanii waraana Dargiin lolaa turanitti ilmaa fi obboleessa isaanii dabalatee namoonni irraa dhumuu kan himan ilmi Haji Hasan kun, isaanis dhukkubsatanii wayita humna dhaban bara 1971 biyyatti deebi'an jedhan.

Qormaata keessa darban...

Abbaansaanii Haji Hasan bara bulchiinsa Hayilasillaasee irraa kaasee sababa amantii fi ilaalcha Oromummaa isaaniif hidhamaa fi dararamaa akka turan kan himan Obbo Kamaal, "bara mootummaa Wayyaanee ammoo yeroo kamuu caalaa dararamaa turan" jechuun himan.

''Akkuma wayyaaneen biyya seeneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo Finfinnee, Gullalleetti gaggeeffamerratti qondaaltonni yeroo sana turan Obbo Leencoo Lataa, Nadhii Gammadaafaa akka manguddoo biyyaatti akka hirmaatan affeeranii turan. Taatee sanarraa eegalee dararaan mootummaa wayyaanee itti hammaate,'' jedhan.

''Haji Hasan murtee kora sanarratti darbe fudhatanii bakka dhaloota isaaniitti deebi'uun qabsoo hidhannootti seenan. Gaaratti nu galchanii nu leenjisaa turan. Isaan waliin bara 1984-1988 gaara turre, '' jechuun ofiifillee waliin akka turan himu.

Ergasiillee hanga lubbuunsaanii dabartutti namoota Oromoo gameeyyii hedduu waliin mari'ataa fi gorsaa akka turan himan Obbo kamaal.

''Isaan amantii fi Oromummaa harkaa qabu. Kaan amantiif, kaan ammoo Oromummaaf bira dhufa. Nuti waliiyyuu hin beeknu. Namoota hedduu waliin dhoksaan mari'atu,'' jedhan.

Haji Hasan dhaloota ammaa kanallee waa'ee barumsaa fi tokkummaarratti cimuu akka qaban irra deddeebiin gorsaa akka turan himan.

Haji Hasan ijoollee 11 kan horatan yoo ta'u, garuu ijoollee nama biraallee akkuma ijoolleesaaniitti ofitti qabanii barsiisaa nama guddisan hedduu qabu jedhan ilmisaanii Obbo Kamaal.