'Barattoota Afaan Oromoon PhD barachuufi qorachuun seenaa dalagan'

Barattoota waraqaa qorannoo isaanii Afaan Oromoon dhiheessan

Madda suuraa, Hasan Yusuf/Fb

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota waraqaa qorannoo isaanii Afaan Oromoon dhiheessan

Yunvarsiitiin Wallaggaa seenaa Afaan Oromoo keessatti isa jalqabaati kan jedhame barattoota afur Afaan Oromoon sadarkaa digirii sadaffaatti barsiisee eebbaaf qopheesse.

Kana dura yunivarsiitiin barnoota Afaan Oromoo sadarkaa PhD'n barsiisee qorannoo barreessufis ta'e bu'aa qorannoo dhiyeessuufis afaanichumaan fayyadamuun fiixaan bahe kan jalqabaati jedhameera.

Barattoonni Yunivarsiitii Wallaggaatti qorannoo isaanii Afaan Oromootiin qopheessanii dhiyeessan kunneenis bakka gara garaatii seenaa kana hojjechuu isaaniitiif Yunvarsiitii isaanii dabalatee dinqisiifannaa hedduu argachaa jiru.

Qorataafi barsiisaan Afaan Oromoo Yunvarsiitii Finfinneerraa PHDn eebbifame Fiqaaduu Qana'aa akkas jechuun yaada inni fuula Feesbikuu isaarratti barreessee qalbii namoota hedduu qabatteeti.

"Afaan raadiyoonii cabsa jedhan har'a gulantaa barnoota isa xumuraa (PhD) cabse."

Yunvarsiitii Wallaggaatti barsiiftuufi qorattuu Afaan Oromoo kan taateefi barattoota barnoota Afaan Oromoo sadarkaa PHD hojjechuun milkaa'an kanneen keessaa tokko qorsaafi qajeelchaa kan turte Alimaa Jibiriil (PHD) warra yaada isaanii qoodan keessaa tokkodha.

Hayyuun kunis akkas jechuun fuula Feesbuuki ofiirratti katabdeetti: "Kun seenaadha, seenaa bara baraan yaadatamu! Doktoroota Afaan Oromoofi Ogbarruu Yunvarsiitii Wallaggaatti yeroo jalqabaaf xumuran seenaa biyya kanaattis ta'e addunyaarratti kan jalqabaati."

Pirezidantiin yunivarsiitichaa Dr Haasan Yuusuf 'barattoonni afur qorannoo isaanii yeroo jalqabaaf Afaan Oromoon dhiheessuun seenaa dalagani' jechuun fuula Fesbuukii isaaniirratti barreessan.

''Itoophiyaattis ta'e biyya kamittuu Afaan Oromoo sadarkaa PhD'tti qorachuu, barreessuufi dhiheessuun baratoonni kuni kan jalqabaati,'' jedhan.

Afaan Oromoon Itoophiyaa keessaa afaan baay'inaan dubbatamudha. Biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Keeniyaa keessallee dubbatama.

Haata'u malee, yeroo dheeraaf sababoota garaa garaan guddachuu hin dandeenye.

Erga afaan barnootaa ta'e as yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramni guddaa galmaa'us ammallee kana caalaa guddachuu akka qabu akkasumas guddachuu akka danda'ullee qorattoonni ni himu.

Imaammanni afaanii mootummaan Itoophiyaa yeroo jalqabaaf barana baase gaaffiiwwan Afaan Oromoofi kaan Afaan Amaaraa cinaatti afaan hojii mootummaa federaalaa dabalataa akka taasisu abdatameera.

Qorattoota afur Yunvarsiitiin Wallaggaa yeroo jalqabaatiif sadarkaa digirii sadaffaa (PhD)tiin Afaan Oromoon barsiisee eebbaaf qopheesse keessaa tokko Dr. Margaa Gammadaadha.

Sadarkaa dippiloomaarraa kaasee Afaan Oromoo barachaafi qorachaa hanga PHD Afaan Oromootiin hojjechuurra kan gahe.

Doktar Margaan waraqaa qorannnoo dhiyeessanitti gammachuu qabu.

‘Ilmaan Oromoo guddina afaanichaaf aarsaa guddaa itti kaffalaniru, nuti bu’aa isaati, dhalatoof bu’aa akka buusnu carraa argannerra, anis hiriyoonni koos gammanneera’ jedhan.

‘Afaan Oromoo sirna barnootaa hin qabu’

Waraqaa qorannoo sirna barnoota Afaan Oromoon barsiifamu irratti kan dhiyeessan doktar Margaan, firiin qo’annoosaaniis ‘sirni barnoota Afaan Oromoo qophaa’e akka jirre’ agarsiisa jedhan

‘’Silabasii Afaan Amaaraaf qophaa’eetu, Afaan Oromootti hiikame malee, seera qabeessaan kan Afaan Oromoo hin jiru’’ jedhan.

A.L.I bara 1988tti wayita kitaabni Afaan Oromoo qopheeffamu qabee qabiyyeen barbaadamu itti dabalamaa kan Afaan Amaaraa irra hiikametu amma yoonaa gahe jedhan.

Kitaabonni Afaan Oromoon qophaa’aniis hanqina guddaa qabachuu ibsan.

Kitaabonni Afaan Oromoon qophaa’an dandeetti barattootaa cimsu, aadaa sonaa fi duudhaa Oromoo fuulduratti butuu akkasumas, beekumsa dhalootatti dabarsuuf gahu’msa hin qabne ragaa funaanan qacceessuun kaasan.

Kitaabonni barnootaa fedhii barattoota keessa akka hin uumne, aadaa fi eenyummaasaaniif kan hin kakaasnedha jedha firiin qorannoosaanii.

Sirni baruu fi barsiisuu Afaan Oromoo amma hojiirra jiru ‘gahumsa kan hin qabne fi sadarkaa barbaadamu kan hin guunne’ ta’u kaasan.

Furmaatni isaahoo maali?

Yaadonni furmaataa qorannoo isaanii keessatti tarreessanis,

Ministeera Barnoota Muummeen Afaan Oromoo to’atu qabachuun akka irraa eegamu kaasan. Sirna barnoota sadarkaa lammaffaa ol jiran Ministeerichi waan to’atuf muummee Afaan Oromoo akka qabaachu qabu gorsu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Nama Afaan Oromoo waggoota 25'f barsiisaa turaniin wal baraa

Amma yoonaatti Muummee Afaan Amaaraa malee kan Afaan Oromoo hin jiru jechuun dubbatu.

Itti dabaluunis, Biiroon Barnoota Oromiyaas sirna barnoota hojiirra oolchuu qofa otoo hin taane, itti gaafatamummaa dhimmicharratti fudhachuu qabaata jedhan.

Afaan Oromootiin waraqaa qorannoo qopheessanii dhiyeessuurratti ragaalee barreeffamaa barbaachisoo dhabuun qorannicha goolabuuf danqa isaan mudate ta’ulle dubbataniiru.