Siyaasa Itoophiyaa: Obbo Lammaa Magarsaa miseensa Paartii Badhaadhinaa turanii, maalirraa ittifaman?

Pireezident Lammaa Magarsaa

Madda suuraa, OPDO official page

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Lammaa Magarsaa, dura ta'aa Itti aanaa DHDUO yeroo turan

Paartiin Badhaadhinaa damee Oromiyaa walgahii Sanbataafi Dilbata, Hagayya 08 fi 09, walitti aansuun godhatee booda ibsa baaseen hogganoota sadii yeroof miseensummaa koree jiddugaleessaa paartichaa keessaa ittisuu beeksisee ture.

Obbo Lammaa Magarsaa, Aadde Xayibaa Hasan fi Dr Milkeessaa Miidhagaa hogganoota paartichi ittisedha.

Ittisa kanaan wal qabatee gaaffileen addaa addaa ka'aa jiru.

Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee hogganoonni ittifaman miseensa ykn hoggana paartichaa turanii? Paartiin Badhaadhinaa damee Oromiyaa miseensa koree jiddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa biyyoolessaa ittisuu danda'aa? kanneen gaaffilee ka'an keessaa muraasa.

Gaaffilee kanneen miseensa koree jiddugaleessaa paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obbo Awwaluu Abdiif dhiyeessineerra.

Obbo Lammaan miseensa Paartii Badhaadhinaa turanii?

Oduun ittifamuu Obbo Lammaa erga dhagaahamee booda marsaalee hawaasaa irratti yaadni 'Obbo Lammaan durumaa miseensa paartichaa hin turre' jedhu barraa'aa ture.

"Miseensa akka hin ta'iin nuti quba hin qabnu" jedhu Obbo Awwaluun.

Akka aanga'aan paartichaa kun jedhanitti taanaan Obbo Lammaan jalqaba wayita walitti ida'amuun paartilee siyaasaa mari'atamu irraa eegalee irratti hirmaataa turan.

"Dookumantiin jalqabaa qophaa'ee kennameefi 'baay'ee gaaridha' jedhee deebise" jedhu.

Wayita koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI dhimmicha irratti mari'atee mirkaneessellee irratti argamanii sagalee kennanii akka turan himu.

Haata'u malee, yaa'ii ariifachiisaa paartichaa Adaamaatti taa'amerratti akka hin argamneefi san booda ammoo ijaarama paartichaas ta'e Ida'amuu itti hin amanne jedhanii ibsa kennani jedhu.

"Suni baay'ee nu ajaa'ibee ture" kan jedhan Obbo Awwaluun, Obbo Lammaan yaada isaanii kana hojimaataa dhaabaa hordofuun karaa keessaa kaasanii yaada isaanii osoo hin ibsatiin miidiyaatti bahanii dubbachuun dogoggora ture jedhu.

Booda bakka hogganoonni buleeyyiin jiranitti marii bal'aa dhimmicharratti taasifameen garaagarummaa yaadaa akka qaban ibsatanii, sana bahanii miidiyaatti dubbachuun 'dogoggora ta'uu amananii, dhiifamallee gaafatanii' akka itti fufame dubbatu.

Obbo Lammaa Magarsaa Sadaasa bara 2019 Raadiyoo Sagalee Ameerikaa irratti karoora ADWUI walitti baqsuun dhaaba tokko gochuufi yaada Ida'amuu MM Abiy Ahimaditti akka walii hin galle himanii turan.

Yaada isaanii kanas jalqaba irraa kaasanii dhiyeesanii adeemsa walitti baquu paartichaa mormaa akka turan yeroos himaniiru.

Boodarra miidiyaaleen biyya keessaafi aanga'ootni mootummaa Obbo Lammaan "garaagarummaa yaadaa qaban dhiphisanii, MM Abiy waliin hojjechuuf waliigaluu" gabasanillee Obbo Lammaan ergasii dhimmicha irratti yaada hin kennine.

Darbeees walgahiiwwan dhaabichaa gara garaa irratti argamaa hin turre.

Lammaa Magarsaa

Madda suuraa, ZACHARIAS ABUBEKER

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii duraanii Naannoo Oromiyaa fi Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa

Hojimaata paartichaatiin waltajjii walitti aansanii hafuun dhorkaa ta'uu kan himan Obbo Awwaluun, ittifamuu Obbo Lammaa ammaatiif sababni tokko kana ta'uu himu.

"Hojii dhaabaa qofaa miti, hojii mootummaallee fakkeenyaaf mana maree federeeshinii akka argaman yeroo lamaa sadi hin argamne" jedhu.

"Erga fedhii kan hin qabne ta'ee, erga dirqama dhaabni itti kennellee bahaa kan hin jiraanne ta'ee jedheeti dhaabni koree jiddugaleessaa irraa yeroo hin daangofneef kan ittise" jedhu.

Wayita ADWUIn walitti baqee Badhaadhina ta'e, miseensonni fi hogganoonni dhaabichaa akkuma jiraniin gara paartii haaraa dhufuu himu Obbo Awwaluun.

Bu'uura kanaan Obbo Lammaan miseensa koree jiddugaleessaa fi miseensa koree hoji raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa akka turan beekna jedhan.

"Miseensa miti kan jedhu nuti hin beeknu, miseensa keenya, hoggana keenya akka turani kan nuti beeknu" jedhu.

Obbo Lammaan Sadaasa bara darbe VOA'tti wayita dubbatan hanga paarticha keessaa ittifamaniitti keessuma akka turan himanii turan.

Paartiin Badhaadhinaa dameen Oromiyaa aangoo ittisuu qabaa?

Paartiin Badhaadhinaa paartilee sadi miseensota ADWUI turaniifi paartilee naannolee bulchaa turan biroo 5 walitti baqsuun paartii biyyaalessaa tokko kan naannolee irratti damee ykn waajjira adda addaa qabu godhamee caaseffame.

Kana jechuun paartichi dura ta'aa, koree hoji-raawwachiiftuufi koree jiddugaleessaa, akkasumas mana maree tokko qaba jechuudha.

Bu'uura kanaan akkamiin dameen Paartii Badhaadhinaa kan Oromiyaa miseensota koree hoji-raawwachiiftuu paartichaa kan biyyoolessaa ittisuu danda'a kan jedhu Obbo Awwaluu gaafanneerra.

Paartiin Badhaadhinaa akka biyyaalessaatti paartii tokko ta'ee haa ijaaramu malee aangoon damee naannoleef kenname tarraa'ee lafa kaa'ameera jedhu.

"Gaafa walitti makamuun murtaa'u mirgaafi dirqamni akka ODP'tti qabnuufi kan akka ADWUI'tti qabaachaa turre guutummaan guutuutti akkana ce'e" jedhu.

"Mirgaa fi dirqamni duraan ODPn qabu gara OPPtti geeddaramee itti fufe" jedhu.

"Aangoon asiin dura miseensa horachuu, miseensa guddisuu, muuduu, ari'uu fi sadarkaa irraa gadi siiqsuu ODPn qabu sun akkuma jiruun gara OPP'tti ce'e" jedhan.

Ega dameen Paartii Badhaadhinaa naannoolee mirgaa dirqama of danda'e qabaatanii, walitti baqanii dhaaba tokko ta'uun isaanii akkamiin dhugooma jenne gaafi gaafanne yoo deebisan, "murtiin [miseensota ittisuu] amma murteessine kan dhumaa miti" jedhan.

"Mana marii Paartii Badhaadhinaa biyyoollessaatiif yaada murtiiti kan dhiyeessine, achitti murtii dhumaa argata."

Akka dambii ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaatti OPPn qaama seerummaa qaba, konfaransii godhachuu ni danda'a. Konfaransii irratti yaadota murtii adda addaa ni dhiyeessa jedhan.

Naannoleen martuu konfaransii ofii gaggeeffatanii yaada murtii dhiyeessanii, mana maree Partii Badhaadhinaa biyyaalessaa irratti murtiin dhumaa itti kennama jedhan.

Caaseffamni paartichaa caaseffama sirna federaaliizimii eeggatee gadi haa bu'u jedhame jedhu.

Paartichi hojimaataa haara qorachiisaa jiraachuu himanii, hanga sun mana maree paartichaatiin ragga'ee hojiirra oolutti hojimaata duraan ture fooyyessuun itti fayyadamaa akka jiranis himaniiru.

Hireen hogganoota ittifamanii maali?

Paartichi hogganoota sadan ittisuu erga beeksisee booda hogganoonni kun hidhamuu malu yaaddoon jedhu bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti dubbatamaa jira.

Akka Obbo Awwaluun jedhanitti garuu qorannoo paartichaa irratti wanti seeraan nama gaafachiisuu danda'u kan irratti ka'aa ture Aadde Xayibaa Hasan qofa.

"Taateen Shaashamanneetti ta'e ishiin wal qabata eeruun jedhu hawaasaafi hogganoota keenyarraa nu gaheera.

Sun haa qulqullaa'u jedhameera. Qulqullaa'ee yoo bilisa taate gaariidha, yoo bilisa ta'uu baatte akkuma nama kamiituu gaafatamummaan kan oolu miti."

Kanarraa kan hafe kan Obbo Lammaafi Dr Milkeessaa hojimaataa seeraan waan wal qabatudha jedhan.

Kanas ta'ee "jarri kun waan raawwatanirraa baratanii, dhiifama gaafatanii, deebi'anii dhaaba kaleessa gatii itti kafalan kana tajaajiluu, hogganuu akka danda'an mirgi guutuu kaa'ameera" jedhan.

Dhimma kanarratti hogganoonni ittifaman sadan amma dura yaada hin kennine.