Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoon biyyaalessaa jahaffaan naannoo Oromiyaatti maal fakkachuuf deema?

Meeshaa filannoof qixaa'e

Madda suuraa, Boordii filannoo

Dhaabbileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti morkattoota ciccimoo ta'u jedhamanii eeggamaa turan lama, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Koongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n "filannicha keessaa dhiibamneerra," jechuun filannicharratti akka hin hirmaanne labsuun saanii ni yaadatama.

Haata'u malee, filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa gaggeeffamuuf yeroo ji'a sadi hin guunnetu hafe.

Hidhamuu angawootaafi miseensotaa akkasumas cufamuun waajjiraalee immoo sababoota ijoo paartileen kunneen dhiyeesanidha.

Filannoo keessaa bahuun paartilee lamaanii filannicharra darbee fulduree biyyattiirratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u xinxaltootni siyaasaa himu.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gama isaatin, paartileen lamaan hirmaachuu dhabuusaaniitin rakkoon mudachuu danda'u ni jiraata jedhee wanti itti qophaa'ee akka hin jirre himeera.

"Waldhabdee eegamaa ture…"

Yunivarsiitii Ambootti barsiisaa mummee barnootaa Saayinsii Siyaasaa kan ta'an Salamoon Tafarraa, sababni ijoon filannoo keessaa bahuu dhaabilee siyaasaa, ABO fi KFO, waldhabdee dhaabbilee lamaan fi dhaaba siyaasaa biyyattii bulchaa jiru gidduutti uummame ta'uu himu.

Filannoo keessaa bahuun paartilee siyaasaa lamaanis waan tasa ta'e osoo hin taanee waan eegamaa ture ta'uu dubbatu.

Filannicharratti hirmaachuu dhabuun paartilee lamaanis lakkoofsa namoota sagalee kennanii akka hir'isu himu.

Iddoo paartileen deeggarsa bal'aa qaban filannoorratti hin hirmaannetti filannoon adeemsifamufi bu'aan argamus bakka bu'ummaa uummataa qabaachuu akka hin dandeenye himu.

Kanaaf rakkoon sababa kanaan mudachuu danda'u Oromiyaa fi biyyattii bira darbee tasgabbii Gaanfa Afriikaa irratti dhiibbaa qabaachuu akka malu kan dubbatan barsiisaa Salamoon Tafarraa, "Waldhabdeen kun irra caalaatti filannoon booda kan itti fufufi nageenyafi tokkummaa biyyattif yaaddessaa kan ta'udha. Kanaaf, kuni xiyyeeffannoon ilaallamuu qaba," jedhu.

Sochii filannoo ija jiraattotaan…

Qophii filannoofi sochii paartilee siyaasaa ilaalchisee BBCn jiraattota godinaalee Oromiyaa garaagaraa haasofsiisee jira.

Jiraataa godina Shawaa Kaabaa kan ta'an Obbo Haabtaamuu Yaadatee akka naannoo isaaniitti yeroo ammaatti paartii biyyattii bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaan alatti sochiin paartilee mormituu akka hin jirre himu.

Filannoo jechuun dorgommii namoota lamaa ol gidduutti adeemsifamu ta'uu kan himan jiraataan kun yeroo ammaatti garuu haalli filannoon adeemaa jiraachuusaa agarsiisu akka hin jirre dubbatan.

Gama biraatin, jiraataan godina Booranaa haasofsiisne Obbo Galgaloo Waaqoo, paartileen kunneen rakkoolee isaan mudatan mootummaa walin ta'uun furuun filannicharratti hirmaachuu akka qaban himu.

Filannoon "dhaabbilee deeggarsa uummataa qaban" ABO fi KFO itti hin hirmaanne fudhatama uummataa qabaachusaanii akka shakku kan hime immoo jiraataa godina Wallagga Bahaa kan ta'e dargaggoo Naatinaa'el Phaawulosdha.

Filannichi hirmaachisaa akka hin taane kan himu dargaggoon kun, faayidaarra dhiibbaan filannichaa guddaa ta'uu akka malu yaadoo qabu hima.

"Namoota biyya kana keessatti jijjiirama fiduu danda'u jedhee uummatni itti amanu mana hidhaa keessatti dararaa akkamitti uummata kanaan 'bahiiti filadhu' jetta? Eenyu filata? Eenyu kan dhiyaate? Mootummaan kophaasaa dhiyaachaa jira malee uummata naannoo keenyaa kan bakka bu'u paartiin filannoo kanarraa hirmaannaa qabu eenyudha?" jechuun gaafata.

Kana malees, keessattuu godinaalee Wallagga afran, Ilu Abbaa Booraa fi Gujii keessatti yaaddoon nageenyaa jiraachuu kan himu dargaggoo Naatinaa'el, "Ani amma fakkeenyaaf dhaqee hiriirrarra dhaabbadhee waraqaa fudhadhee filachuudhaaf fedha hin qabu. Sababnisaas nageenya kootif nan sodaadha," jechuunis hima.

Paartilee jajjaboo naannoo Oromiyaa keessatti dorgomuutti jiran…

Paartilee siyaasaa 47 Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kaadhimamtoota isaanii galmeessisaniiru jechuun beeksise keessaa maqaa Oromoo jedhu kan of keessaa qabu paartii Sosochii Bilisummaa Oromoo jedhamudha.

Dhaabni kun kaadhimamtoota afur /4/ galmeessisee akka jirus ragaan boordii filannoo agarsiisa.

Gama biraatin paartin biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa aanaalee filannoo naannoo Oromiyaa keessa jiran hunda keessatti akka dorgomu eeggama.

Paartiin IZEMAs naannoo Oromiyaa keessatti naannolee/aanaalee filannoo 70 irratti kaadhimamtootasaa kan galmeessise yemmuu ta'u, sababa rakkoo isa mudaten paartichi aanalee filannoo 25 keessatti kaadhimamtootasaa akka hin galmeessisne dubbi himaan paartichaa Obbo Naatnaa'el Fallaqa BBCti himaniiru.

Dhimmicharrattis Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa walin mari'achaa jiraachuus himan.

Kana malees, Sosochiin Biyyaalessaa Amaaraa ABN fi Innaat Paarti kunneen naannoo Oromiyaa keessatti dorgomuuf kaadhimamtootasaanii galmeessisan keessaati.

Filannoo keessaa bahuu ABO fi KFO ija boordii filannoofi paartii biyya bulchaa jiruun…

Dhimma filannoo keessaa bahuu ABO fi KFO ilaalchisee guyyoota muraasa dura BBC walin turtii kan taasisan hogganaan quunnamtii uummataafi hariiroo idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa, "Paartileen kunneen yoo haalli rakkisaan jiraatellee dandamatanii cichanii qabsaa'uu qabu malee haaluma salphaatti keessaa baane jedhanii murteessuun sirrii miti," jechuun dubbatan.

Kana malees, dhiibbaa paartileen lamaan gama mootummaatin nurra gaheera jedhanii himatan, kan akka hidhamuu miseensotaafi cufamuu waajjiraalee "bu'uura kan hin qabnedha" jedhan Dr Biqilaan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gama isaatin ibsa gama walitti qabduu boordichaan tibbana kenneen hidhaa miseensotaa ilaalchisee kunneen ajaja mana murtii malee hidhaman akka hiikkamanif hojjechaa turuu isaaniifi gama kanaanis muraasni furmaata argachuu isaanii hime.

Cufamuu waajjiraalen walqabatees iddoowwan waajjiraalen itti cufaman paartileen lamaan odeeffannoo akka laatan gaafatee, ABO fi KFOn deebii osoo hin laatin hafuu isaanis walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa miidiyaaletti himaniiru.

ABO fi KFOn eenyu?

Koongirasiin Federaalawaa Oromoo A.L.I bara 2004 paartileen lama walitti makamuun hundeeffame.

Paartileen kun Waraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo WFDO fi Koongirasii Uummata Oromoo KUO yemmuu ta'an, paartileen lamaan namoota siyaasa gameeyyii of keessaa kan qaban turan.

KFOn yeroo ammaa dura taa'ummaa Proofeessar Mararaa Guddinaatin hoogganamaa kan jiru yemmuu ta'u, Obbo Baqqalaa Garbaa immoo dura taa'aa itti-aanaa dhaabichaati.

Obbo Jawaar Mahaammadfi Obbo Hamzaa Adaanaa /Booranaa/ kunneen dhiyeenya paartichatti makamanfi yeroo ammaa hidhaarra jiranidha.

Gama biraatin, Addi Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bilisoomteefi of dandeesse akka biyya rippaablikaa tokkotti hundeessuu irratti qiyyaafatee ture bara 1976 hundeeffamnisaa ifatti kan labsame.

Dhaabni kun humna waraanaa mataasaa ijaarratee mootummaa dargiin lolaa erga turee booda bara 1992 mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa keessa seene.

Haata'u malee, boodarra dhiibbaadhaan mootummaa ce'umsa keessaa akka ba'e dhaabichi himata.

Dhaabichi biyya keessaas haalli wayita itti cimu gara biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa fi Eertiraa, akkasumas Sudaanitti kooluu galuuf dirqamuusaa angawootni dhaabichaa kan turan himu.

Miseensota gameeyyii fi dureewwan dhaabichaa gidduutti imaammata qabatanii ka'an fooyyessuu ilaalchisee waldhibdeen waan uumameef biyyoota alaattis walqoqqoodiinsi isa mudateera.

Haala kanaan Hayyu Duree dhaabichaa kan turan Obbo Galaasaa Dilboo ABO Qaama Ce'umsaa jechuun moggaasanii garee isaanii hoogganuu eegalan.

Miseensa gameessa kan ta'aniifi Obbo Galaasaa waliin kan turan Obbo Leencoo Lataa ammoo boodarra Paartii ADO jedhamu hundeessuun hoogganaa turan.

Obbo Daawud Ibsaa ammoo ABO qabatanii gara Eertiraatti baqatan.

ABOn erga bara 1992 biyyaa ba'ee waggoota soddomatti siqu booda bara 2018 qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf biyyatti deebi'e.

Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen gara biyyaa kan deebi'e ABOn Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu erga biyyatti deebi'ee ammas dubbiin yeroo chaartaraa nutti deebi'eera jechuun komataa tureera.