Haacaaluu Hundeessaa: 'Maatiin adeemsa kanaan dhugaansaa ni baha jedhee hin yaadu' - obboleessa

Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Maatiin Haacaaluu Hundeessaa callisa isaanii baatilee sagalii olii cabsuun dhimma qorannaa yakkaa fi adeemsa mana murtii irratti yaada qaban dubbataniiru.

Baatilee saglan darban maatiin waa dubbachuurraa of qusatee kan tureef, qaamni kamuu ajjeechaa isaa daldala siyaasaaf itti fayyadamuu akka hin dandeenyeefi jedha obboleessi quxisuu Haacaaluu, Sisaay Hundeessaa addatti gaaffii fi deebii BBC waliin godheen.

Adeemsa qorannoo yakkaa fi adeemsa mana murtii ammaa kana "tapha siyaasaati, kana maatiin bareechee beeka" jedha.

Adeemsa mana murtii baatilee sagalii ol lakkoofsise irratti maatiin dhaddacha akka hin seenne dhorkamuu dabalatee rakkooleen adda addaa isaan mudachaa akka tures dubbata.

Manni murtii Olaanaa Federaalaa fi dhimmicha kan harkaa qabu Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa garuu adeemsi qorannoo yakkaas ta'e kan mana murtii bu'uura heera biyyattiin walabummaan ilaalamaa akka jiru himu.

Artist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 bara 2020 magaalaa Finfinneetti konkolaataa isaa keessatti ajjeefame.

1px transparent line

Waa'ee Haacaaluu Hundeessaa odeessaalee biroo:

1px transparent line

Namootni afur ajjeechaa isaan shakkamanii to'annoo jala oolan himannaan irratti banamee baatilee sagalii ol darbaniif dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jira.

Himatamtoota afran keessaa himatamtuu afraffaa kan taate Laamroot Kamaal bilisaan akka gadi dhiifamtu manni murtii ajajeera.

Himatamaa tokkoffaa Xilaahuun Yaamii ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa raawwachuu isaa ragaan gahaan waan dhiyaateef akka ofirraa ittisu manni murtii ajajee ture.

Galmee kana keessa himatamaa lammaffaa kan tahe Kabbadaa Gammachuu, himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii wajjin ta'un ajjeechaa raawwachuusaatiin akka ofirraa ittisu jala murtiin kennameera.

Haa ta'uu malee Kabbadaan himatamaan tokkoffaa Xilaahun Yaamii "rukunnee yaa saamnu" jedheenii gocha saamichaa raawwachuuf waliigalee waliin deemuusaa mirkanaa'uusaatu himame.

Kanaaf gocha kan raawwate itti qophaa'ee waan hin taanef dhimmi isaa seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 540 jalatti akka ilaalamu jala murtiin kennameera.

Himatamaa sadaffaan Abdii Alamaayyahu ammoo kallattiin ajjeechaa Haacaaluu keessaa harka qabaachuu ragaan agarsiisu hin jiru jechuun, yakka argee poolisiif gabaasuu dhabuu wabiin bahee dhimmasaa alaa akka hordofu murtaa'era.

Hacaaluu fi obbolaawwan isaa

Madda suuraa, Maatii Hacaaluu

Maatiin maal jedhu?

Jalqabumarraa eegalee ajjeechaan Haacaaluu Hundeessa "qaama sadaffaa walaba ta'een" akka qoratamu maatiin fedhii qaba ture kan jedhu Sisaay, "qaamni nuti qaama walabaan akka nuuf ilaalamu gaafannu hin turre, karaan isaa cufaadha" jedha.

Haacaaluu waliin mana tokko keessa jiraachaa akka ture kan himu Sisaay halkan Haacaaluun ajjeefame to'annoo jala oolfamee mana hidhaa bulee bariitu akka gadi dhiifame BBC'tti himeera.

Erga gadi dhiifamee boodas waan halkan sana arge qaamni isa gaafate akka hin jirre, walumaagalatti adeemsi qorannoo yakkaa maatii kan hin hirmaachifnee fi qorannoon yakkaa sirnaawaa ta'e gaggeeffameera jedhee maatiin akka hin amannes dubbata.

Reeffi Hacaaluu hospitaala Phaawuloosii bahee gara Amboo yoo qajeelu, Waxabajjii 30, 2020

Madda suuraa, Yomis Gonfa

Ibsa waa'ee suuraa, Reeffi Hacaaluu hospitaala Phaawuloosii bahee gara Amboo yoo qajeelu, Waxabajjii 30, 2020

"Fakkeenyaaf, bilbilli isaa inni daataa guutuu ofirraa qabu kan inni [Haacaaluun] sirriitti namoota faana ittiin wal qunnamu fudhatanii isaan harka jira" jedha Sisaay.

"Gaafa egzibiitiirraa nuuf kennan qarshii 480,000 akkasumas bilbilli inni akka filannootti itti fayyadamu [konkolaataa keessaa] nuuf deebi'eera. Bilbilli isaa inni daataa guutuu ofirraa qabuu fi shugguxiin isaa nuuf hin deebine," jedha.

Bilbilli isaa kun fudhatamuun ergama biraa qaba jennetu amanna jedha Sisaay.

Maatiin artiist Haacaaluu Hundeessaa bakka itti ajjeefameera jedhametti ajjeefamuu isaa shakkii qabaachuu kan himu Sisaay, qorannoo gaggeeffames ta'e adeemsa mana murtii amma jirurraa "haqa ni arganna jennee hin amannu" jedha.

"Nuti kan abdii kutanne bariitu isaa, gaafa abbaan alangaa ishee [himatamtuu afraffaa Laamroot Kamaal] himachuun hin barbaachisu, waan beektu yoo nutti himte ni gadi dhiifamti jedhee ibsa kennedha" jedha Sisaay.

"Diraamaa fokkisaadha"

Akka Sisaay jedhutti taanaan maatiin Haacaaluu himatamtuun afraffaa Laamroot Kamaal ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa keessaa qooda qabdi jedhee amana.

Haa ta'u malee "akka isheen hin gaafatamne diraamaa hedduutu hojjetamaa ture," jedha.

"Adeemsi isaa diraamaadha. Diraamaa hedduu fokkisiisaa, nama hedduu dadhabaa ta'een barraa'e, diraamaa namoota hedduu dadhaboodhaan 'act' godhamu, nu warra miidhame mitii, qaamni ala taa'ee ilaalullee kun waan hin fakkaanne jedhee wanna tuffatuu danda'udha."

"Dubbii walumaagalatti geessanii gurbaa isa himatamaa tokkoffaa jedhanii dhiyeessan kanarratti waan hunda xaxanii, isumarratti diraamaa sana goolabuudha adeemsi itti deemaa jiran."

1px transparent line
Ibsa waa'ee viidiyoo, "Haacaaluun jagna, goota akka isaa miti kan ajjeese mucaakoo"
1px transparent line

Gama mana murtiinis manni murtii dhimmicha harkaa qabu walaba ta'ee dhimmichaa ilaalaa jira amantaa jedhu maatiin akka hin qabne dubbata.

Bakki guuteera jedhame maatii dhaddacharraa dhorkuu dabalatee, "akka namni dhugaa isaa gaafachuurraa duubatti deebi'u, akka namni sodaatu waan hedduutu godhamaa ture," jedha.

"Namni otoo ijjikee ilaaluu diraamaa sirratti hojjechuu mannaa, dhiifameera, hafeera jedhamuu wayya" kan jedhu Sisaay, "manni murtii harka keessaa haa baafatu" jedha.

Kana jechuun manni murtii "guutummaatti dhimmicha gatee haa bahu osoo hin taane, tapha siyaasaa kana keessaa harka haa baafatu, dhimmisaa qaama walaba ta'een, yakki tokko tokkoon erga qoratamee booda, manni murtiis walaba ta'ee akka ilaaludha" jedha.

Manni murtii maal jedha?

Dhimma ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa ilaalaa kan jiru Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Itoophiyaaf pireezidantii kan ta'an Obbo Birhaanamasqal Waaqgaarii komii ykn qeeqa maatiin Haacaaluu mana murtichaa irratti kaasaniif deebii kennaniiru.

Akka Obbo Birhaanamasqal jedhanitti manni murtichaas ta'e abbootiin seeraa mana murtichaa dhiibbaa qaama kamiirraayyuu bilisa ta'uun kan dhimmicha ilaalaa jiran.

Haa ta'u malee "sirna bulchiinsa haqaa keessatti manni murtii qofaa isaa hin hojjetu, poolisiin dura qoratee, abbaan alangaa himata dhiyeessee achii booda manni murtii kan ilaalu" jedhu.

"Jalqabarraa eegalee akkamitti qorate poolisiin, akkamitti abbaan alangaa himata dhiyeesse kan jedhu bu'aan isaa mana murtii gaaf gahe calaqqisa waan ta'eef, mana murtiirratti komiin guddatee mul'ata" jedhan.

Gama mana murtiin garuu "abbootiin seeraa walaba ta'anii seeraa fi seera qofarratti hundaa'anii, hamilee fi jajjabina gaariidhaan… hojii isaanii hojjetaa jiru" jedhan.

Addatti bilisaan gadi dhiifamuu himatamtuu afraffaa Laamiroot Kamaal irratti gaafatamanii yoo deebii kennan, "manni murtii waan dhiyaateef madaala, waan madaallii hin kaafne yoo fidan, maal godha manni murtii?" jechuun gaafatu.

Dhimma ajjeechaa artiist Haacaaluun wal-qabatee komiin nu biratti dhiyaate hin jiru kan jedhan Obbo Birhaanamasqal, komiin jiraannaan "borus iftaanis karri keenya banaadha" jedhan.

"Manni murtii biraa walabatti haaraa dhaabbatus, dhaabbachuu malus hin jiru, waan qabnurraa amantaa dhabuun nurra hin jiraatu," jedhan.

Abbaan Alangaa maal jedha?

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa kan ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa poolisii waliin ta'uun qorachaa tureefi shakkamtoota mana murtiitti dhiyeessee himachaa jirus komii fi qeeqa maatiin kaasaniif deebii kenneera.

Qorannoon ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa sirnaan gaggeeffamuu fi maatii dabalatee qaamolee qorannichaaf ni barbaachisu jedhaman hunda kan hirmaachise ture jedhu dubbi himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Awwal Sulxaan.

"Adeemsa qorannoo yakkaa keessattis ta'e falmii mana murtii irratti hariiroon maatii Haacaaluu waliin qabnu jabaa ture," jedhu.

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Tesfaye Afewerk

Ibsa waa'ee suuraa, Hacaaluu Hundeessaan walleewwan quuqqaa ummataa mul'isan wellisuun gurra horate

Itti dabaluunis walumaa galatti ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti hojiin qorannoo hojjetame haalaan jabaa akka ture "wal nama hin gaafachiisu" jedhan.

"Poolisii Finfinneerraa ogeeyyiin gahumsi yakka qorachuu isaanii olaanaa ta'e filamanii, Abbaa Alangaa irraas daayireektaroonni osoo hin hafiin garee ijaarame keessatti hammatamanii" qorannoon gaggeeffamuu dubbatu.

Himatamtoonni yakkicha raawwachuu ragaan mana murtii amansiisu argamee ofirraa ittisaa jedhamuun isaanii qorannoon taasifame hagam jabaa akka ta'e mul'isa jedhan.

Bilbilli harkaa, meeshaani fi wantoonni biroo konkolaataa isaa keessatti argaman marti tokko tokkoon qoratamaniiru jedhu Obbo Awwal.

Meeshaalee eessa akka jiran hin beeknu jechuun maatiin kaasan ilaalchisee meeshaaleen adeemsa falmii mana murtii keessatti barbaachisoo ta'anirraan kan hafe hundi maatiif deebi'eera jedhu.

Dubbii Laamroot Kamaal…

Himatamtoonni lammaffaa fi sadaffaa keewwata ittiin himatamuu qabu jedhee manni murtii jijjiire ilaalchisee dhimmichi kan xumura hin argatiin waan ta'eef tarii wayita xumura argatu adeemsi ol iyyannoo gaafachiisu yoo jiraate fuulduraaf kan beeksifnu ta'a jedhan.

Himatamtuun afraffaa Laamroot Kamaal bilisaan akka gadi dhiifamtu manni murtii ajajuu ilaalchisee Abbaan Alangaa gara Mana Murtii Waliigalaatti ol iyyannoo dhiyeessee akka jiruufi beellamni qabamee akka jiru himan.

Hangasitti murtiin bilisaan haa gadi dhiifamtu jedhu ugguramee himatamtuun ammallee mana hidhaa akka jirtus Obbo Awwal himaniiru.

Himatamtuun kun jalqabarratti shakkamtuu taatullee waa'ee ajjeechaa kana waan beektu yoo himte ishee akka ragaatti lakkaa'uun kanneen ajjeechaa kana raawwatan himachuuf jecha Abbaan Alangaa ibsa kennee akka ture dubbatu.

Haa ta'u malee adeemsa qorannoo keessa isheenis yakkicha keessaa harka qabaachuu ragaaleen waan argamaniif "ishees himatamtuu goonee, himata irratti bannee mana murtiitti dhiyeessineerra" jedhan.

Abbaan Alangaa sababa Laamroot Kamaal bilisa baasuuf hojjetuuf tokkollee hin qabu jedhan Obbo Awwal.

Dhimmi ajjeechaa Haacaaluu qaama walaba ta'een haa qoratamu jechuun yaada ka'e ilaalchisee deebii kennaniin "poolisii fi abbaa alangaa biyyattiin qabduun alatti qaamni walaba ta'e biraa qorannoo gochuu hin danda'u" jedhan.

Yakkoonni wal-xaxoo fi humna biyyattiin qabduun ol ta'an yoo raawwataman biyyoota biroo deeggarsa gaafachuun kan danda'amu ta'ulleen, ammatti wanti kun barbaachisuuf akka hin jirre dubbatan.

Maatiin Haacaaluu akka qaama miidhame tokkootti kana gaafachuun isaanii dogoggora ta'uu dhiisuu mala kan jedhan Obbo Awwal, bu'uurri seeraa kun ittiin raawwatamu garuu kan hin jirre ta'uu dubbatan.

1px transparent line

Yaada gama himatamtuu Laamroot Kamaal ykn abukaatoo isheen jiru gabaasa kanatti dabaluuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne. Kan argannu yoo ta'e ni keessummeessina.