Barataan Yunivarsiitii Jimmaa 'Jawaar Mohaammad hiikaa' jedhe maaliin shakkame?

Mohammad Deeksisoo

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa

Barataan Yunvarsiitii Jimmaa Mohaammad Deeksisoo sirna eebba barattootarratti ''Jawaar Mahaammad hiikaa, hidhamtoota siyaasaa hiikaa,'' jechuun waltajjiirratti dubbate, qaama hidhate waliin hariiroo qaba jedhamuun shakkamee hidhame jedhe abukaatoon isaa.

Taateen kuni kan raawwate jalqaba baatii Guraandhalaa sagantaa yunivarsiitichi barattoota eebbisiisaa tureettidha. Mahaammad kanneen eebbifaman keessaa tokko ture.

Barataa kana waliin barataan digirii 2ffaa guyyaa eebbaa sanaa wal-tajjii irratti sirba sirbee fi hojjetaan Yunvarsiitii Jimmaa tokko hidhamuus iyyaafanneerra.

Sirna eebbaa kanarratti mootummaa Federaalaarraa Pirezedaantii Mana Murtii Waliigalaa Aadde Ma'aazaa Ashannaafiifi naannoo Oromiyaarraa ammoo Pirezedaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee kaanis argamanii turan.

Ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda namoota siyaasaa to'annaa jala oolanii himannaan shororkessummaafi kaan irratti baname keessaa Obbo Jawaar Mohaammadiifi kaan jiru.

Hoggantoonni kuniifi deeggartoonni isaanii ilaalcha siyaasaa isaaniif akka hidhaman ibsu. Poolisiin immoo waldhibdee sabaafi amantii kakaasuun shakkee akka hidhe ibseera.

Barataan Yunvarsiitichaa digirii 2ffaan eebbifame tokko sirba Xilahun Gessesee waltajjiirratti bahuun erga sirbeen booda Mahaammad Deeksisoo ammoo sagalee guddistuu harkaa fuudhuun ture ''Jawar Mahaammad hiikaa, hidhamtoota siyaasaa hiikaa,'' jechuun dubbate jechuun ibsa abokaatoon isaa Obsinaan Girmaa.

Mahaammad Deeksisoo kaleessa gaafa Wiixataa mana murtiitti yeroo 2ffaaf dhiyaateera.

Obsinaan BBCtti akka himetti, barataan kun qaama hidhate waliin hariiroo qaba, akkasumas ummataafi mootummaa walitti buusuun jeequmsa kaasuuf yaaleera jedhamuun akka shakkame hime.

Mahaammad to'annoo jala kan oole jalqaba poolisii Federaalaan yoo tahu, achuma waajjira poolisii magaalaa Jimmaa aanaa 1ffatti erga hidhamee buleedhuma mana murtiitti dhiyaate akka Obsinaan jedhetti.

Wixata kaleessaa ammoo torbanii booda yeroo lammaffaaf mana murtii aanaa tokkoffaa magaalaa Jimmaatti yeroo dhiyaatetti poolisiin yeroo qorannoo dabalataa irratti gaafachuu abukaatoon isaa himeera.

Obsinaan akka jedhetti, barataa Mahaammad ''hidhamtoota siyaasaa hiikaa, Jawaar Mahaammad hiikaa'' jedhee dubbachuu isaa mana murtiitti amaneera.

Sagaleen isaa miidiyaalee biyya keessaa tamsaasa kallattiin dabarsaa turan irratti kan dhagahame yoo tahu, miidiyaa hawaasaa irrattis dubbii ijoo tahee ture.

Mahaammad mana murtiirratti, ''hidhamtootaa siyaasaa hiikaa kan jedhu dubbadheera. Kana ammoo mirga yaadakoo bilisaan ibsachuun fayyadame jedhe,'' jechuun dubbachuu isaa Obsinaan BBCtti himeera.

Dhaddacha kaleessa oole irrattis poolisiin yeroo dabalataa yoo gaafatu, abukaatoon isaa qaama hidhate waliin hariiroo qabaachuu isaa poolisiin ragaa agarsiise hin qabu jedhe.

"Ragaa sanadaafi moobaayila irraa dhiyaatu harka mootummaa waan turuuf yeroon gaafatame bu'uura seeraa hin qabu jechuun mana murtiitti falmuu," hime Obsinaan.

Barataa Mahaammad ''ergan waajjira poolisii Jimmaa na geessanii waan narra gahe hin jiru. Garuu gaafan qabame poolisiin Federaalaa bakka Jireen jedhamutti na geessuun na reeban,'' jechuun himateera jedha abokaatoon isaa kun.

Qaamasaa reebames Komishinii mirga namoomaattis agarsiifachuun kan ibse Obsinaan, shakkamaan kun har'a (Guraandhala 23, 2021) sa'a saddeet irratti mana murtii aanaa 1ffaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dhiyaata.

Beellama kana irrattis manni murtii gaaffii guyyaa dabalataa poolisiin qorannoof gaafateefi mormii abukaatoon Mohaammad dhiyeesse irratti bitaafi mirga isaa ilaalee murtoo kenna jedhamee eegama.

Bulchiinsa Yunvarsiitii Jimmaa irraa dhimma hidhamuu barataa kanaa irratti gaafachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Jawaar Mahammad dabalatee hogganoonni olaanoo paartilee Oromoo KFO fi ABO hedduun ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture kan to'annoo jala oolfaman.

Hedduu isaaniirratti himati shororkeessummaa fi uummata jidduutti walitti bu'iinsa kakaasu jedhu irratti banamee dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jira.

Hidhmtoonni kunneen garuu yakka waan raawwataniif osoo hin taane filannoo irrati akka hin hirmaanneefi ilaalcha siyaasaa isaaniin akka hidhaman irra deddeebiin mana murtiitti dubbataa turan.