'Raajiiwwan fayyinaa' sobaa Paastarii beekamaan TB Joshuwaa duuka buutota isaa miiliyoona ittiin guwwoomse

Raajiiwwan TB Joshuwaa karaa TV Amaanu'eel jedhamuu himaa ture hundinuu kan qindeeffamaniidha

Madda suuraa, JOURNEYMAN PICTURES

Ibsa waa'ee suuraa, Raajiiwwan TB Joshuwaa karaa TV Amaanu'eel jedhamuu himaa ture hundinuu kan qindeeffamaniidha

BBCn yeroo jalqabaaf Paastarii beekamaa Naayijeeriyaa TB Joshuwaa dubartoota gudeeduu dabalatee gidiraa inni duuka buutota isaarraan ga'e gaazexeessummaa qorannootiin saaxileera.

TB Joshuwaa "raajiin hojjedha'' jechuun hordoftoota isaa miliyoonaan lakkaa'aman gowwoomsaa turuutu saaxilame.

Waggoota 20f akkamitti namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gowwomsuu dandaʼe?

Akkamitti 'namoonni laamsha'an' wiilcheerii irraa ka'anii akka utaalan taasise?

Namoota duʼan kaasuuf mala akkamii fayyadame?

Bara 2004 Abbaan Taayitaa Miidiyaa Naayijeeriyaa 5'raajiiwwan' kunneen akka karaa Tv ummataaf hin darbine dhorkee ture.

Yeroo kana ture Paastarii beekamaan TB Joshuwaa Amaanu'eel TV karaa saatalaayitii tamsaasuu kan jalqabe

Tvn lallabaa fi raajii idil-addunyaa kun addunyaa kana irratti TV haala kanaan milkaa'ina guddaa argatan keessaa tokko ture.

TB Joshuwaa 'raajii' isaa karaa TV kanaa addunyaatti yeroo babal'isu, baha fagoo irraa hanga Awurooppaatti, Ameerikaa Kaabaa irraa hanga Kibbaatti miliyoonaan kan lakkaa'aman bira gahuu danda'eera.

Raajiiwwan isaa kunneen namoota miliyoonaan lakkaa'aman biratti ilaalamuu fi fudhatama argachuun ammoo paastariin kun akka amanamu, kan homaa hin tuqne ta'ee akka jiraatu taasiseera.

Bara 2021 umrii isaa waggaa 57tti kan du'e Paastar Joshuwaa ogummaa 'gowwoomsaatiin' akkaan milkaa'aa ture.

Hanni kun Naayijeeriyaa bira darbee gara UK, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa, US fi Jarmanitti akka babal’ate qorannoon BBCn gaggeesseen saaxilameera.

Mee gowwoomsaa Paastar Joshuwaa 6 armaan gadii kana dubbisaa!

Kutaa yeroo hatattamaa

Waldaa kana keessa kutaan balaa tasaa ni jira. Hojiin kutaa kanaa inni guddaan raajiiwwan sobaa dhugaa fakkeessuudha.

Kutaan kun bakka namoonni dhukkubsatan adda baafamanii kadhannaa Paastar Joshuwaatiif itti qophaa'anidha.

Waggoota 10f kutaa kana kan hoogganan Agomoh Paul BBC'tti akka himanitti, miseensonni kutaa kanaa doktaroota ogummaa fayyaatiin leenji'aniidha.

Fakkeenyaaf, namni kaansarii dhugaa (dhukkuba kaansarii sirrii) qabu ni ari’ama.

Namoonni madaa salphaatti fayyu qaban dhukkubsattoota kaansarii fakkeeffamanii galmaa'uun gara kutaa Paastar Joshuwaatti dabarfamu.

Dhukkubsattootaaf koodiin addaa ni kennama.

Kutaa kana seenuu kan danda’an namoota guutummaatti Paastar Joshuwaaf amanamoo ta’an qofa.

Sana booda paastariin kun namoota salphaatti fayyuu danda’an adda baasuu akka danda'uuf itti himama.

Kana booda kaameeraan ni fidama. Harka isaa isaanirra (dhukkubsattootarra) kaa'a. Sana booda "fayyaa" jedhaan. Iyyaa fi ilillee kutanii gadhiisu.

''Adeemsa walxaxaa qaba,'' jedhu Waggoota 10f kutaa dhimma kana raawwatu kan hoogganan Paal.

''waa'ee gowwoomsaa kana kan beekan waaqeffattoota muraasa qofa,'' jechuun BBCtti himaniiru.

Dawaa hakiimotaan ajajamu

Namoonni biyya alaatii dhukkubsanneerra jedhanii dhufan yeroo Paastar TB Joshuwaa bira gahan qoricha hakiimni ajajeef akka dhiisan gaafatamu.

Sana booda unka waa'ee wal'aansa fayyaa isaanii guutuu bal’inaan ibsu akka guutan ni gaafatamu.

Qoricha kana booda gonkumaa akka hin fudhanne itti himama. Garuu Paastar Joshuwaan ogeessi qorichaa qorichuma wal fakkaatu akka qopheessu taasisa.

Sana booda qorichi kun dhugaatii raajii tajaajila fayyisuu addaa qaba jedhamu keessatti dabalamee kennamaaf.

Dhukkubsattoonni kana hin beekan. Wanti isaan beekan Paastar Joshuwaan isaaniif kadhachuu isaa qofa.

Fakkeenyaaf, bara 1990moota keessa yeroo HIVn Afrikaa keessatti babal’achaa ture, Paastar Joshuwaan hordoftoonni isaa yeroo gara biyyaatti deebi’an qoricha farra vaayirasii akka hin fudhanne itti himee ture.

Waaqeffattoonni yeroo sanaaf fayyine jedhanii yaadan, gara biyya isaaniitti erga deebi'anii booda ni du'u.

Sammuu namaa hatuun nama amansiisuu

Ogummaan Paastar Joshuwaa inni guddaan sammuu namootaa hatuudha. Waan argan akka hin shakkine gowwoomsuu danda'a.

Aadde Foord akkas jetti: ''Yeroo sanatti waanan arge hunda nan amana ture. Fakkeenyaaf, nama wiilcheeriin isaa irraa utaalee deemu yommuun argu, sammuun koo itti amane.''

Tiyaatirri fayyisuu of eeggannoodhaan raawwatu kun Paastar Joshuwaan milkaaʼina akka argatu godheera.

Namni duraan gargaaraa Joshuwaa ture tokko, namoonni fayyina barbaadan osoo hin ba'in dura, warri fayyina barbaadan rakkoo isaanii akka garmalee guddisan itti himama jedha.

''Rakkoo kee gadi fageenyaan dubbadhu. Uumaan akka eebba guddaa siif guddisuuf, kun Fayyinni kees guddaa akka ta'u ni gargaara.''

Herrega kanaan warri rakkoo giddu galeessaa qaban hanga danda’ametti rakkoo isaanii garmalee guddisuu barbaadu.

Waldaan Paastar Joshuwaa wiilcheerii mataa ishee gahaa ta'e qabdi. Namoonni miilaan deeman illee wiilcheeriirra taa’anii gara waltajjiitti akka ol ba’an taasifama.

''Wiilcheerii raajii kanarra yoo hin teenye, Jooshuwaan siif hin kadhatu; Rakkoo keessan isiniif hin furu jenna. Erga isaaniif kadhatee booda wiilcheericha dhiisanii akka iyyan itti himna," jedha gargaaraan Paastar Joshuwaa.

Duukaa buutuun biraa Bisoolaa jedhamtuu fi waggoota 14 tahuuf Waldaa [Scoan] keessa jiraachaa turte, bara 2006 Duula Fayyina Biyyaalessaa Waldaa Fayyisaa keenyaa [Church of Our Saviour ] Singaapoor jirutti wlaiin deemtee ture.

Paasterichi fayyina gadhiiseera jechuun yeroo labsu namootni Wiilcheeriin dhaqan ka’uuf yeroo yaalana rguu himte.

Kun istaadiyeemii keessatti kan raawwate yoo tahu, Jooshoyaan ‘’Amantii istaadiyeemii kana keessa labseera’’ jedhe jette.

Haa tahu malee namootni miilli isaanii hin hojjenne ka’uuf yaalan waan hin ilaalamneef deebi’anii yeroo kukkufan argaan ture jette.

‘’Boo’aan ture. Isaaniif boo’aan ture’’ jette.

Hojjettootni kutaa hatatamaa miidhamaa turuu himte. Hojjettootni kunneen gudeedamaa, miidhaa qaamaa fi dararaan irra gahaa ture. Seera baay’ee cimaa tahe keessa tahuun hojjechaa turuu kan himte Bisoolaan sa’a muraasa malee rafuun isaaniif hin eeyyamamu jette.

Amma maaliifi akkamitti akka paastericha duukaa bu’aa tura hubachuu dadhaban.

"TB Jooshoyaa waan natti hime: Hin sodaatiin, kana akka namootni Kiristoos irratti amantaa qabaataniif itti fayyadamna. Waan sirrii hin taane hojjechaa jiraachuukooyyuu hin beeku ture. Waan amantaa namootaa guddisu hojjechaa akka turettan yaada ture,’’ jedhe Pool.

Aadde Foordi ammoo amantaa qindaa’aa irraa amantaa akka dhabde himti. Waan kun hundi soba tahuu osoo barree tahee gaarii ture. Waan raajichi hojjechaa ture, dinqii adda tahe, mallattoo fi waan uumamaan garasiiti jedheen amana ture,’’ jette.

Gubboo [Matta’aa]

Duukaa buutonni tokko tokko namoota maallaqa fudhachuun dhukkubsataa fakkaatanii hojjetan barbaadaa akka turan dubbatu.

Yeroo sagantaa Kiruuseedii fayyinaa biyya alaatti qopheessan gara magaalota hiyyeeyii deemaa turan.

‘’Akkas jenna: ‘haala barbaadame kanaan fakkeesitee dubbatta, maallaqa siif kaffalla jenna ture,’’ jechuun duukaa bu’aan duraanii tokko BBCtti hime.

‘’Hoteela isaan geesinee, isaan qulqulleesina. Sana booda dhufanii waan hojechuu qaban hojjetu. Sana booda maallaqa isaanii kenninaaf. Kan hafe kaan seenaadha,’’ jette.

Tajaajilli osoo hin jalqabiin dura sarara kam irra akka isaan teessisan Jooshoyaatti himu. Uffata akkamii akka uffatan, kanaaf raajii jedhame eenyu irratti akka hojjetu ni beeka jechuudha.

‘’Namootni akka waan fayyinni isaaniif tahee fakkeessanii hojjetu,’’ jette.

Ragaa yaalaa sobaa

Sagantaan ‘’fayyina raajii tahe’’ waraqaa ragaa qabuu fi dhukkuboota akka HIV fi kaanserii irraa fayyuu agarsiisu guyya guyyaan miliyoonotaaf tamsa’a.

Hakiimotni viidiyoodhaan waraabaman akka dhukkubsattootni kunneen fayyan mirkaneessuu himu.

Bara 2000 gaazexessaan Naayijeeriyaa Adejuwoon Sooyinkaa, ragaaleen yaalaa kunneen kan sobaati jechuun gabaasee ture.

Haa tahu malee Jooshoyaan gabaasa isaa kana kufaa taasise. Namootni baay’een hanga ammaayyuu akka fayyanii jiranitti amanu.

Keessa beektotni garuu kun qaama barsiisa paasterichaati jedhu.

‘’Waan hunduu waan wal tajjii irratti hojjetamee fi soba tahedha,’’ jedhe Pool. Pool, Jooshoyaa ‘’waan hamaa haxxee tahe’’ jechuun ibse.

Waan mooraa isaa keessatti tahuu fi Jooshoyaan hin beekne tokkoyyuu hin jiru jedhe.

Viidiyoo akka fedhan gulaaluu

Viidiyoon waraabamee fayyinni raawwate akka ammuma raawwate fakkeessuuf gulaalamu.

Humna raajii ykn dinqii hojjetee agarsiisuuf waan fayyina duraa fi boodaa waraabamuun walitti gulaalamuun dhiyaatuz.

Dhugaan jiru garuu viiidyoon akkasitti dhiyaatu ji’oota dura inumaayyuu garaagarummaa waggaa dura kan waraabame tahuu danda’a,

‘’Waan TV irratti argitu duraa fi booda kan jedhu malee yeroo akkamii akka tahe waan agarsiisu hin qabu’’ jette Bisoolan.

TV Emmanuel irratti waggoota shaniif gulaaltuu viidiyoo olaantuu turte.

Akkuma namoota kaan BBC dubbisee fi keessa beektota tahanii isheenis maqaa ishee jalqabaa qofa akka fayyadamnu eeyyamte.

‘’Waan namootni argan… waan dhugaa miti. Burjaajjessuudha’’ jette.

Isheen waa’ee kiliippota gulaaltee tamsaasaa turte dubbatti.

"Ani amma akka nama keessa beekessaattan dubbataa jira,’’ jette.

Waanti kamiyyuu waan daawwattotni akka argan hin barbaadamne keessaa cite baha. ‘’Waan hunduu ‘’waan qindaa’edha’’ jette.