Tigraay naannoo daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa keessatti maaltu deemaa jira?

Naannawa daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa daandii Zalambessaa irratti

Madda suuraa, AFP

Waraana Tigiraayitti geggeeffame hordofuun loltoonni Eertiraa naannawaa daangaa Tigraay qabatanii turan buufata sakatta'iinsaa/Kellaa daandii Adigraat irraa gara Zalambessaa geessu irratti kaa'anii turan kaasuu isaanii qondaalli naannichaa BBCtti himan.

Dhiheenya kana waa'ee waraanni Eertiraa naannoo Tigraay to'atee ture keessaa ba'uu isaa miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti qoodamaa tureera.

Naannoleen daangaqa biyyoota lamaanii walqunnamsiisan banaa ta'uun isaaniis himamaa ture.

Haata'u malee, jiraattonni naannawa daangaafi maddeen BBC'n dubbise akka jedhanitti waraanni Eertiraa ammalee naannawa sana gadi dhiisaanii hin baane.

Naannoleen qabamanii turan akka Zalambessaa, Raamaa, Shiraroo fi Badimme ammallee to'annoo waraana Eertiraa jala akka jiran himaniiru.

Haata'u malee, qondaalli naannichaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafate BBC akka himanitti, kellaan waraanni Eertiraa daaandii Zalambessaa irratti argamu ALI Caamsaa 10, 2017 buqqisuu himan.

Akka maddi kun ibsutti, kellaan kun kan hundeeffame Waraana Tigraay booda ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karaa Adigrat irraa gara Zalambessa geessu irratti sababa kellaa kanaan namootni fi konkolaattonni karaa kanaan darban waraana Eertiraan sakatta'amaa akka turanis ibsaniiru.

Kellaan daandii Adigraat irraa gara Zaala Alambessaatti geessu kan waraana Eertiraatin sakatta'iinsi taasifamaa ture kun sababa hin beekamneen yeroof kaafamu himaniiru.

Itti dabaluunis sakatta'iinsi namootaa fi konkolaattota darban irratti gaggeeffamaa tures akka dhaabbachun himameera.

Haa ta'u malee, ammas loltoonni Eertiraa naannoolee daangaa naannoo Tigraay adda addaatti akka argaman BBC'f mirkaneessaniiru.

Fakkeenyaaf loltoonni Eertiraa naannoo Zalambessaa Adi Haqii, naannoo Zabanhut, kutaa naannoo Addis Alem, Adi Aserte fi qarqara naannoo Iroob keessa akka jiran dubbataniiru.

Magaalaa Fatsi, Zalambessa irraa kiiloo meetira 20 fagaattee argamtu keessatti, bara 2016 irraa eegalee Abbaan Taayitaa Gumurukaa Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa ammallee hojiiwwan kontirobaandistii hordofaa akka jirus ibsameer

Namoonni BBC'n Shiraaroo fi raamaa irraa dubbise akka jedhanitti loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa gadhiisanii akka hin baane himan.

Jiraataan aanaa Shiraaroo tokko, aanicha jalatti kan argaman Adii Tatsatsar, Bichilaammaa, Baadimmee, Hdish Adii, Damboo Gudaamuu fi Damboo Moongil jedhaman to'annoo loltoota Eertira ajala akka jiran hime.

Waraanaan dura loltoota Itoophiyaan qabamanii akak turanis himan.

Jiraataan kun ''waan miidiyaa hawwaasaan tamsa'u sobadha. Waan hunduu akkuma turetti jira. Humni federaalaa homtuu hin jiru. Humni nageenyaa Tigiraayis hin jiru. Waraana Eertiraa qofatu jira,'' jedhe.

Jiraataan Raamaa gara biraas bakkeewan loltoota Eertiraan qabaman akka jiran himuun waan haaraan jijjiirame akka hin jirre ibse.

Dhiyeenya ammoo walitti dhufeenya uummataa jalqabamuu fi jiraattonni Tigiraay horii isaanii naannoo loltoota Eertiraan qabamee dhaquun akak bishaan obaafatan himan.

''Amma uummanni gara lagaa ni deema. waan tokko tokko ni godha. Horii isaa, hoolota isaas bishaan obaasee deebi'a. Kana dura waan akkasii hin baramne ture. Amma garuu haalli jiru kana fakkaata,'' jedhe.

Horii, gaalaa fi waan biraas daangaa darbuun yoo dhufan koree dhaabameen akka isaaniif deebi'u godhamaa jira.

''Gaalonni yeroo dhufan humni nageenyaa Tigiraayis jiru. Loltoonni Eertiraas jiru waan taheef waliin dubbatanii deebisu.''

Kanaan ala garuu ifatti walitti dhufeenyi hawwaasaas tahe geejibaa kan jalqabe hin jiru jedhan.

Itoophiyaa fi Eertiraan waraana lubbuu kumaatamaa galaafate erga gaggeessanii booda komishiniin dhimma daangaa isaanii ilaalu hundaa'us hojiitti hiikamuu dadhabuu isaan daangaan biyyoota lameenii ammayyuu adda bahee hin beekamu.

Yeroo waraana Tigiraay humna waraanaa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanaa kan ture waraanni Eertiraa daangaawwan durumaanuu naaf mala jedhe qabatee jira